4 Achiin duuba hayyichi saaxaraa san si irraa fuudhee, addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keetii dura hin keya. 5 Atille Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti, «Abbaan kiyya nama biyya Sooriya'aa ka addee takkattii hin leene; inni maatii diqqoo ifii woliin gara biyya Gibxi'ii gad bu'ee achi le'e; inni achitti kolbaa guddoo, hunnaametti'ii fi bindillaa te'e. 6 Worri Gibxi'ii ammoo nu miidhanee, nu farrisiisanee, hujii hunnaa jajjadduu nu hujisiisane. 7 Achiin duuba nuuti gara Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teennaa iyyinee, Mootiin Waan Maraa iyya teenna dhage'ee, farra teenna, dadhabbi'ii fi cunqurfama keenna dhagge. 8 Maarre Mootiin Waan Maraa hunna ifii guddo'oo fi jabeenna ifiitiin, hujii guddoo sodaachittu'uun, baasaa fi maade'een biyya Gibxi'ii keessaa nu baase. 9 Inni gara addee tanaa nu fidee, biyya aananii fi dammaa tana nuu kenne. 10 Kunoo, Mootii Waan Maraa midhaan mata'aa ka lafa ati naaf kennite irraa fideera» jedhi. Achiin duuba Saaxaraa san Mootii Waan Maraa Waaqa keeti dura keyiitii, fuula Mootii Waan Maraa duratti sagadi. 11 Ati, Lewwootii fi alagaan si woliin le'u waan dansaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si'ii fi maatii teetiif kenne maratti gammada'a.
12 Ati woggaa sadeesso'oo, ta kudhan keessaa tokko kennanutti, midhaan galfatte keessaa kudhan keessaa tokko mara adda baatteen duuba, Lewwooti, alagaan, ijoolleen haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotiin hiyyeessaa nyaatanee akka quufanu isaaniif kenni. 13 Achiin duuba Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti, «Akkuma ajaja keetiititti, qooda waan woyyuu te'ee mara mana kiyyaa baasee, Lewwootaaf, alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotii hiyyeessaatiif kenneera. Ajaja keeti keessaa hin baane; tokkolle hin deene. 14 Ani gadda du'aa keessa qooda woyyichaa san irraa hin nyaanne yookiin akka aadaa dhugeeffanna'aatitti yennaa qulqulluu hin te'initti isa irraa hin fuune yookiin isa irraa worra du'eef hin kennine; ani Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaaf ajajameera. Waan inni na ajaje mara muummesseera. 15 Addee woyyittii teeti ta ol-gubba'aa irraa gad ilaaliitii, kolbaa teeti Israa'el, akkuma abbootii teennaaf kakatetti lafa aananii fi dammaa ta nuu kennitelle eebbisi» jedhi.
Languages