1 Namooti lama wol dhabanee gara kora mura'aa yoo dhufane, abbootiin mura'aa ka yakkaa hin qanne gad lakkisanee, yakkaamessatti muranuu ti. 2 Achiin duuba nami yakkaamessi sun ka dhaanamu'uu male yoo te'e, abbaan mura'aa lafatti isa irkisuu ti; laakkossi dhaanamiisa isaa akka yakkaa isaatitti addee abbaan mura'aa jirutti te'uu ti. 3 Te'uu malee, laakkossi dhaanamiisa isaa afurtama hin caalin. Afurtama caalaa yoo dhaaname, obboleessi keeti si duratti hin salphata.
4 Qotiyyoo midhaan dhowiisatti jirtu afaan hin hidhin.
13 Subba keeti keessaa dhakaa madaalli'ii gosa lama diqqa'aa fi guddaa hin qabaatin. 14 Mana keeti keessalle'ee meya ittiin safaranu gosa lama gudda'aa fi diqqaa hin qabaatin. 15 Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessa bara dheeraa akka leetuuf, madaalli'ii fi meya ittiin safaranu ka sirrii te'ee fi addatamaa qabaadhu. 16 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti worra waan akkasii godhu mara ka addatamummaa malee waan akkasii huju mara hin jibba.
17 Yennaa ati biyya Gibxi'iitii baate, waan worri Amaaleqii si godhe qaabadhu. 18 Yennaa ati karaa irratti dadhaddee gaggadde, worra dadhabee duubatti hafe mara ijjeesane. Isaan Waaqalle hin sodaanne. 19 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti lafa sii kennu keessatti, diinota adaala keetii mara irraa yennaa si foorfachiisu, yaadannoo Amaaleqootaa ta isaan lafa irraa qabanu mara balleessi. Ijjumaa hin dedhin.
<- Kitaaba Seera Keessa Deebii 24Kitaaba Seera Keessa Deebii 26 ->
Languages