1 Lolli mootummaa Daawitiitii fi mootummaa Saa'olii wodhakkaa jiru yennaa bacaa ture; mootummaan Daawiti ittuma jabaataa deentee mootummaan Saa'olii ittuma dadhabaa deente.
7 Saa'ol gursumeettii Riizphaa intala Ayyaa qabaayyu; Ish-bosheet Abneeriin, «Ati gursumeettii abbaa kiyyaa woliin maaf ratte?» jedhee gaafate. 8 Abneer dubbii Ish-bosheet isatti dubatte kanaaf guddoo aaree, «Ani ka Yihuda'aaf golu nama saricha woy hin baane seetaa? Ani haga adhaa abbaa keeti Saa'oliif, mootummaa isaatiif, fira isaatille'eef addatamummaa qaba; si'ille harka Daawitiititti dabarsee hin kennine; ati ammoo cubbuu ani dubartittii tana woliin hujeef na himattaa? 9 Waadaa Mootiin Waan Maraa Daawitiif gale yoo ani hin muummessin Waaqi na balleessuu ti; ta tana caaltelle natti fiduu ti! 10 Mootummaan Sanyii Saa'olii irraa fuudhantee, Daawititti akka dabartu barcumaan mootummaa Daawitiille Daanii jalqabee haga Bersheeba'aatitti Yihuda'aa fi Israa'el irratti dhaabbatuu ti» jedhe. 11 Ish-Bosheet waan Abneer sodaateef dubbii tokkolle isatti hin dubbanne.
12 Achiin duuba Abneer namoota Daawititti ergee, «Lafa tana eentu bulcha? Ati wolii galtee na woliin godhadhu; Israa'elooti marti gara keeti akka deebitu ani si hin qarqaara» jedhe.
13 Daawitille, «Dansa'a! Ani wolii galtee si woliin hin godhadha; ammoo waan tokko si irraa barbaada; gara kiyya yennaa dhuttu, intala Saa'olii Mikaal yoo hin fidin, na bira hin dhufin» jedhe. 14 Achiin duuba Daawiti namoota gara Ish-Bosheetii ergee, «Niitii tiyya Mikaal ta ani fuudhiisaaf, Filisxeemota dhibba tokko yakkadhee shoggoraa isaanii maraa isi'ii kenne, naaf galchi» jedhe. 15 Maarre Ish-bosheet namoota ergee, Mikaal abbaa manaa isi'ii ilma Laa'iishii Phalaati'el jalaa fuudhe. 16 Abbaan manaa isi'ii haga qachaa Bahurii bowaa isii gula deeme; achiin duuba Abneer isaan, «Gara mana keetii deebi'i!» jedhe; maarre innille deebi'e.
17 Abneer jaarsolee Israa'elootaa woliin mari'atee, «Isin kanaan qara Daawiti mootii akka isiniif te'u barbaadaneertaniiyyu; 18 Mootiin Waan Maraa, ‹Karaa tajaajilaa kiyya Daawitiitiin kolbaa tiyya Israa'el harka Filisxeemotaatii fi harka diinota isaanii jalaa hin baasa› jedhee, waadaa waan galeef, tana ammumaa godha'a» jedhe. 19 Abneerille kolbaa Beniyaaminiititti tanuma hime; achiin duuba inni Israa'elii fi sanyiin Beniyaaminii waan godhiisaaf barbaadane mara Daawititti himiisaaf gara Kebroonii dhaqe.
20 Abneer namoota diddama woliin gara Daawitii Kebroon yennaa dhufe, Daawiti Abneerii fi namoota isa woliin jiranuuf areertii qopheesse. 21 Achiin duuba Abneer Daawitiin, «Si woliin akka gondooroo godhatanu, atille waan fedhii keetii mara akka bulchitu, dafee dhaqee goottaa kiyya mootichaaf, Israa'eloota mara wolitti qaba» jedhe; maarre Daawiti Abneer geegessee, innille nageyaan deeme.
26 Achiin duuba Yo'aab Daawiti biraa deemee, Abneer akka fidanuuf namoota erge; namootille baleessa, «Siiraa» jedhamu biratti dhaqqabanee isa deebisane; Daawiti ammoo waan kana hin beenne. 27 Abneer gara Kebroonii yennaa deebi'e, Yo'aab qofuu isa dubbisuu akka barbaadee gara karraa isa geesse; achitti haluu dhiiga obboleessa ifii Asaahelii bayiisaaf gadhaa isaa woraanee ijjeese. 28 Daawiti oduu tana yennaa dhage'e, «Marroo dhiiga Abneerii ilma Neeriitiif ani fi mootummaan tiyya Mootii Waan Maraa duratti haga bara baraa yakkaa hin qannu; 29 dhiigi Abneerii kun matuma isaatii fi sanyii abbaa isaa irratti te'uu ti; nami nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u yookiin nami dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu yookiin nami naafate yookiin nami shallaaga'aan du'u yookiin nami sagalee hin qanne sanyii Yo'aabii keessaa hin dhabamin» jedhe. 30 Abneer lola Giibe'onii keessatti obboleessa isaanii Asaahel waan ijjeeseef obboleeyyan isaa Yo'aabii fi Asiishaay isa ijjeesane.
31 Achiin duuba Daawiti Yo'aabii fi namoota isa woliin jiranu maraan, «Woyaa teessan tarsaasa'aatii, woyaa gaddaa uffadha'aa, bowaa reeffa Abneeriitiin dura deema'a» jedhe; mootichi Daawitille guyyaa awwaalaa raree reeffa Abneerii gula deeme. 32 Isaan Abneer Kebroonitti awwaalane; mootichille addee awwaala Abneerii biratti qoonqoo ifii ol qabatee bowe; kolbaalle martinuu bowane. 33 Mootichi Abneeriif faaruu gaddaa faarsee,
35 Achiin duuba kolbaan marti gara Daawitii dhuttee akka inni sagalee nyaatuuf kadhatte; Daawiti ammoo, «Haga aduun seentutti daabboo yookiin woy afaaniin yoo qabe, Waaqi na ijjeesuu ti» jedhee kakate. 36 Kolbaan marti tana yaadattee, itti gammadde; wonni mootichi godhe marti isaan gammachiise. 37 Maarre guyyaa san kolbaan marti, Israa'elootille martinuu ijjeefamiisa Abneerii ilma Neerii mootichi akka keessa hin jirre beekane. 38 Achiin duuba mootichi kolbaa ifiitiin, «Guyyaa adhaa qondaalli nami guddaan Israa'el keessatti akka du'e hin beennee? 39 Ani adha mootii muudame te'ulle, nama dadhaba'a; ilmaan Zeruyaan deettee na irratti jabaatteerti; worra hantuu huju akkuma hujii isaaniititti, Mootiin Waan Maraa isaan adabuu ti» jedhe.
<- 2 Saamu'elii 22 Saamu'elii 4 ->
Languages