12 Ilmi Neerii Abneer tajaajiltoota Ish-Bosheetii ilma Saa'olii woliin Mahanaayimii ka'anee, gara qachaa Giibe'onii dhaqane. 13 Yo'aab ilmi Zeruyaan deettee fi namooti Daawitii bayanee baleessa Giibe'onii biratti isaan woliin wolde'ane. Gareen Daawitii baleessa irraa as garanaan, gareen Ish-Bosheetii baleessa irraa gara kaaniin tee'ane. 14 Achiin duuba Abneer Yo'aabiin, «Dargaggooti teennaa fi teessan ka'anee nu duratti wol lolanuu ti» jedhe;
15 Maarre, dargaggooti kudhanii lama gosa Beniyaaminii keessaa ilma Saa'olii Ish-Bosheetiif ka'anee dhaabbatanee laakkowamane; dargaggooti kudha lama Daawitiif ka'anee dhaabbatanee laakkowamane. 16 Achiin duuba nami tokko tokkooyyuu mataa diina ifii qabee shallaaga'aan cinaacha hordee woraanee wol qabatanee jigane; tanaaf addeen sun Giibe'on keessatti, «Helkaat-haazuriim[a]» jedhante.
17 Lolli guyyaa sanii guddoo jabaatee, Abneerii fi namooti Israa'elii namoota Daawitiitiin injifatamane. 18 Ilmaan sadiin ta Zeruyaan deette Yo'aab, Abiishaayii fi Asaahel achi jiraniiyyu; Asaahel akka buddanne'ee nama ariiti'iin fiigu. 19 Inni gara middaa yookiin gara bita'aa adoo hin gorin Abneer ari'e. 20 Abneer ifi duuba ilaalee, «Ati Asaahelii?» jedhee isa gaafate;
24 Yo'aabii fi Abiishaayi ammoo Abneer ari'ane; isaan adoo isa ari'anuu karaa gara goomolee Giibe'on geessu gara kooba Amaa ka Giiyaa biraa yennaa geyane aduun seente. 25 Achiin duuba namooti Beniyaaminii wolitti qabamanee Abneer bira dhufane; isaan garee tokko te'anee qaccee gaaraa irratti addee qabatane. 26 Abneer Yo'aab waamee, «Haga bara baraa shallaaga'aan wol lollaa ree? Dubbiin tun wol fixiisatti akka nu geessitu ati hin hubattuu? Namooti keeti obboleeyyan ifii ari'iisa akka lakkisanu ati maaf hin ajajin?» jedhe.
27 Yo'aab deebisee, «Dhugaa Waaqa jiraata'aa! Adoo ati tana hin dubbatin, namooti haga ganamaatitti obboleeyyan ifii ari'iisa hin lakkisanuuyyu» jedhe. 28 Maarre Yo'aab tultullaa afuufee, namooti marti Israa'el ari'iisa lakkisanee lollille dhaabbate.
29 Abneerii fi namooti isaa halkan ideemaa bulanee Arabaayi dabaranee deemane; laga Yordaanosii bu'anee bayanee, Bethiroon keessa dabaranee gara Mahanaamii dhufane.
30 Achiin duuba Yo'aab Abeneer ari'iisa lakkisee deebi'ee namoota ifii mara wolitti qabe; namoota Daawitii keessaa, Asaahel adoo itti hin dabalin namooti kudhanii sagal dhabamane. 31 Namooti Daawitii ammoo namoota Beniyaaminii ka Abneerii woliin jiranu keessaa namoota dhibba sadii fi jaatama ijjeesane. 32 Isaan Asaahel addee du'ee fuudhanee, addee awwaala abbaa isaa Betlihemitti awwaalane. Achiin duuba namooti halkan deemaa bulanee, yennaa latti bariitu lafa Kebroonii geyane.
<- 2 Saamu'elii 12 Saamu'elii 3 ->- a Helkaat-haazuriim: Afaan Ibrootaatiin Dirree shallaaga'aa jechu'u.
Languages