4 Dubartiin qachaa Teqo'aa sunille gara mootichaa dhaxxee, ulfinna isaatiif lafatti gad gombifantee, «Ee mooticha, maganne'e na gargaar» jette.
5 Mootichille, «Maan rakkatte?» jedhee isii gaafate.
8 Mootichille isi'iin, «Ani marroo haajaa keetii ajaja hin baasa, ati gara mana keetii deemi!» jedhe. 9 Dubartiin qachaa Teqo'aa sun ammoo mootichaan, «Ee, goottaa kiyya mooticha, marroo dubbii tanaatiif, anii fi maatiin tiyya itti gaafatannuu ti; atii fi mootummaan teeti itti hin gaafatantanu» jette.
10 Mootichille isi'iin, «Eennulle waan tokko yoo sitti dubbate, gara kiyya isa fidi; inni deebi'ee si hin rakkisu» jedhe.
11 Isiille, «Worri haluu bawu ilma kiyya ka hafe ijjeesanee badii badii caalte akka hin hunye, mooticha maganne'e, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiitiin naaf kakadhu» jette.
12 Achiin duuba dubartittiin, «Ani tajaajiltuun teeti dubbii tokko si mooticha goottaa kiyyatti dubbadha» jette.
13 Dubartittiille, «Ati ilmi keeti addee baqatee akka deebi'u waan hin godhiniif, ifi irratti muraa kennitee motii ree? Waan akkasii kolbaa Waaqaa irratti maaf yaadatte? 14 Akkuma bisaan dhangala'ee deebi'ee hin woraabbanne, nuuti martinuu hin duuna; Mootiin Waan Maraa nami baqatee biyyaa baye, akka isa irraa hin fagaanne karaa inni deebi'u qopheessa malee lubbuu isaa hin balleessu. 15 Ani amma kolbaan waan na sodaachitteef tana goottaa kiyya mootichatti himiisaaf dhufeera; ani tajaajiltuun teeti, ‹Waan ani mootichatti dubbadhu inni naaf hin muummessa fa te'a; 16 harka worra anaa fi mucaa kiyya dhaala Waaqi nu'uuf kenne irraa nu kaasuu barbaaduu jalaa hin baasa fa te'a› jedhee waan yaadadheef, haajaa kiyya sitti himadheera. 17 Ani tajaajiltuun teeti ammalle, ‹Goottaan kiyya mootichi hama'aa fi dansaa gargar baasiisaan, akka ergamaa Waaqaa waan te'eef, dubbiin goottaa kiyyaa na jajjabeessituu ti› jedhee hin addadha. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si woliin jiraatuu ti» jette.
18 Achiin duuba mootichi dubartitti'iin, «Waan ani si gaafadhu, atille deebii na hin dhossin» jedhe.
19 Mootichille, «Tana mara akka ati dubbattu Yo'aabitti sitti himee?» jedhee isii gaafate.
21 Mootichille Yo'aabiin, «Guddoo dansa'a! Ani waan ati jette hin godha; dhaqiitii Abiishaalomii dargaggeessicha san fidi» jedhe.
22 Yo'aab ulfinna mootichaatiif lafatti gad gombifamee, mooticha eebbise; Yo'aab ammalle, «Goottaa kiyya, ati kadhaa tajaajilaa keetii waan dhageetteef, ani tajaajilaan keeti si duratti fudhatama akka dhaggadhe adha beeke» jedhe. 23 Achiin duuba Yo'aab gara biyya Geshuurii dhaqee, Abiishaalom deebisee gara Yerusaalemii fide. 24 Mootichi ammoo, «Inni gara mana ifii dhaquutii malee ani ila tiyyaan isa hin dhaggin» jedhe; maarre Abiishaalom gara mana ifii deeme malee ila mootichaa hin dhaggine.
28 Abiishaalom ila mootichaa adoo hin dhaggin, woggaa lama Yerusaalem keessa le'e. 29 Achiin duuba Abiishaalom gara mootichaa isa ergatiisaaf, nama itti ergee Yo'aab waansise; Yo'aab ammoo gara isaa dhufiisa didate; maarre Abiishaalom ammalle nama itti erge; Yo'aab ammalle dhufiisa didate. 30 Achiin duuba Abiishaalom tajaajiltoota ifiitiin, «Kunoo, fichaan Yo'aabii fichaa kiyyatti aanee jira; inni fichaa ifii keessaa garbuu waan qabuuf dhaqa'aatii ibidda itti naqa'a» jedhe; maarre tajaajiltooti Abiishaalomii fichaa Yo'aabiititti ibidda naqane.
31 Achiin duuba Yo'aab gara mana Abiishaalomii dhaqee, «Tajaajiltooti teeti fichaa kiyyatti maaf ibidda naqane?» jedhee gaafate.
32 Abiishaalom Yo'aabiin, «Kunoo, ani akka ati mooticha bira naaf dhaxxee, ‹Ani Geshuurii maaf dhufe? Haga ammaa adoo achuma jiraadhee naaf woyya jedheera› jettee akka isatti hintuuf nama sitti ergadhe; ani amma ila mootichaa dhagguu barbaada; yakkaa yoo qabaadhe inni na ijjeesuu ti!» jedhe.
33 Maarre Yo'aab gara mootichaa dhaqee tanuma isatti hime; achiin duuba mootichi Abiishaalom waansise; innille dhufee mooticha duratti lafatti gad gombifame; mootichille Abiishaalom sunqate.
<- 2 Saamu'elii 132 Saamu'elii 15 ->
Languages