5 Yonaadaab isaan, «Ati akka dhibantee, taqee irra irkadhu; abbaan keeti si gaafatiisaaf yennaa dhufe, ‹Obboleettiin tiyya Taamaar dhuttee waan ani nyaadhu naaf kennituu ti; asi na biratti sagalee hujjee qopheessitee harka ifiitiin na nyaachittuu ti› jedhiin» jedhe. 6 Maarre Amnoon akka dhibamee, taqee ifii irra irkate; mootichi isa gaafatiisaaf yennaa dhufe, inni mootichaan, «Obboleettiin tiyya Taamaar dhuttee, na duratti daabboo bilcheessitee harka ifiitii akka na nyaachittu barbaada» jedhe.
7 Achiin duuba Daawiti gara mana mootumma'aa Taamaaritti nama ergee, «Gara mana obboleessa keeti Amnoonii dhaqiitii sagalee isaaf qopheessi» jedhe. 8 Maarre Taamaar gara mana obboleessi isi'ii Amnoon irkateeruu dhaxxe; bullaa diqqoo fuutee bukeesitee isa duratti daabboo bilcheessite. 9 Achiin duuba daabboo bilcheessite san eelee irraa fuutee isaaf dhikeessite; inni ammoo nyaatiisa didatee, «Nama mara asii gad baasa'a» jedhe; nami martinuu isa biraa gad bayane. 10 Achiin duuba Amnoon Taamaariin, «Ani harka keeti irraa akka nyaadhuuf sagalee gara kolloo taqee tiyyaa fidi» jedhe; Taamaar daabboo bilcheessite san fuutee gara kolloo taqee obboleessa ifii Amnoonii geessitte. 11 Yennaa isiin sagalee isaaf dhikeessite ammoo isii qabee, «Obboleettii tiyya koy na woliin irkadhu!» jedhe.
12 Isiin isaan, «Lakkii obboleessa kiyya, na hin salphisin! Wonni akkasii Israa'el keessatti godhamee hin beeku; waan hantuu tana hin godhin! 13 Yoo na salphitte, ani maan te'a? Eessa gora? Atille maan teeta? Ati biyya Israa'elii keessatti salphicha hin teeta. Maganne'e mootichatti himadhu; inni akka ani si heerumu hin dhooggu!» jette. 14 Inni ammoo waan isiin jettu dhage'iisa didee, isii caalaa hunnaamessa waan te'eef, hunnaan isii gurra balleesse.
15 Achiin duuba Amnoon akka malee isii jibbe; inni haga qara isii jaalate caalaa isii jibbee, «Ka'ii asii gad bayi!» jedhe.
16 Isiin ammoo, «Lakkii, na manaa baasuun keeti yakkaa na irratti hujje caalaa cubbuu hujja» jette.
21 Mootichi Daawiti oduu tana mara yennaa dhage'e, guddoo aare. 22 Abiishaalom sababa Amnoon obboleettii isaa Taamaar salphiseef isa jibbee, waan hantu'uu fi dansaa tokkolle isatti hin dubbanne.
25 Mootichi Daawiti ammoo Abiishaalomiin, «Lakkii ilma kiyya, nuuti marti hin dhunnu; nuuti marti yoo dhunne, ba'aa si irratti hin teena» jedhe; Abiishaalom isa jabeessee kadhatulle inni dhaqiisa hin barbaanne; garuu isa eebbisee geegesse.
26 Achiin duuba Abiishaalom, «Ati yoo hin dhaqin, obboleessi kiyya Amnoon nu woliin dhaquu ti!» jedhe.
30 Isaan karaa irra adoo jiranuu, Daawiti, «Abiishaalom ilmaan mootichaa mara fixe; nami tokkolle hin hanne» oduu jettu dhage'e. 31 Mootichi Daawiti ka'ee dhaabbate; gaddee woyaa ifii tarsaasee jige; tajaajiltooti isaalle martinuu gaddanee woyaa ifii tarsaasanee isa bira dhaabbatane. 32 Obboleessi Daawitii ilmi Shime'aa Yonaadaab ammoo Daawitiin, «Goottaa kiyya, ‹Ilmaan tiyya mara ijjeesaneeran› jettee hin yaadin; haga Amnoon obboleettii Abiishaalomii Taamaar gurra balleesseen jalqabee Abiishaalom kutatee waan ka'eef, nami du'e Amnoon calla'a. 33 Nami du'e Amnoon callaa waan te'eef, goottaan kiyya oduu, ‹Ilmaan mootichaa mara ijjeesaneeran› jedhanee odeessane hin addatin» jedhe.
34 Yennuma san Abiishaalomille baqate.
Languages