5 Dhugeeffanna'aan akka jirtanu beekiisaaf ifi qorqora'a; haga ifi ilaala'a; Yesuus Kiristoos akka isin keessa jiru hin hubannee? Yoo akkas hin te'in haga ilaallatamaan jiddaneertan jechu'u. 6 Nuuti haga ilaallatamaan akka hin jigin hin beettan jedhee addadha. 7 Waan hantuu akka isin hin hunye, gara Waaqa daadimanna; wonni daadimannuufille nuuti haga ilaalcha taruu dhannee yoo dhagganne, isin yennaa maraa waan dansaa akka gootanuuf malee, haga ilaalcha tariisa keenna mudhisiisaafii moti. 8 Nuuti dhuga'aaf hunya malee, waan dhuga'aan mormu tokkolle hujiisaaf hin dandeennu. 9 Nuuti dadhaboolee teenee, isin ammoo jajjaba yennaa teetanu hin gammanna; nuuti akka isin mijuu teetanu daadimanna. 10 Ani waan kanaaf, adoo fagoo jiruu ergaa tana isiniif barreesse; akka kanaan gara keessan yennaa dhufu, baallii Goottaan naaf kenneen ila isinitti hin jabaadhu; Goottaan baallii naaf ka kenne akka isin ijaaruuf malee, akka isin diiguufii moti.
12 Sunqata woyyichaan wol sunqataa nageya wol fuudha'a.
13 Kolbaan Waaqaa marti nageya isinii dhaanteerti. 14 Badhaadhi Goottaa Yesuus Kiristoosii, jaalalli Waaqaa, tokkummaan Ayyaana Woyyichaalle isin duudii woliin jiraattu.
<- 2 Worra Qorontoosii 12
Languages