7 Mudhii guddoo tanaan ta kaate akka ani hin koorre, wonni akka qore'ee nafa kiyya woraanee na farrisiisu, ergamaan Seexanaa naa kenname. 8 Wonni na rakkisu kun, akka na lakkittu yennaa sad gara Gootta'aa daadimadhe. 9 Inni ammoo, «Hunni tiyya mijuu teetee ka mudhattu yennaa ati dadhabaa teete waan teeteef, badhaadhi kiyya si hin geya» anaan jedhe. Tanaaf hunni Kiristoosii akka ana irra jiraattu, ka durii caalaa dadhabbii tiyyaan gammadaa ifi jajiisa barbaada. 10 Ani hunna ka dhaggadhu dadhabaa yennaa te'utti waan teeteef Kiristoosiif yennaa dadhabu, yennaa arraffamu, yennaa rakkadhu, yennaa miidhamu fi yennaa yaaddawu hin gammada.
14 Gara keessan dhufiisaaf qophowuun kiyya, amma yennaa sadeesso'oo ti; ani isinitti ba'aa te'iisa hin fedhu; ani ka barbaadu isin malee, beesee teessanii moti. Ijoollee ifiitiif karra ka kuusu worra malee, ijoolleen worra ifiitiif karra hin kuuchu. 15 Ani isiniif jedhee waan qabu duudii, ifille dabarsee adoo isiniif kenne guddoo hin gammada. Eega ani akkana guddisee isin jaaladhe, isin diqquma na jaalatanii ree?
16 Maarre teetuutii, akka ani isin irratti ba'aa hin te'in tana wolii galla; ammoo maltumma'aa fi sobaan waan harkatti isin galfadhe seyaartan. 17 Ani namoota gara keessan erge keessaa, karaa nama tokkochaatille'een woy isin irraa nyaadheera ree? 18 Tiitoos gara keessan akka dhufu kadhadhee, obboleessa keenna sanille isa woliin ergeera. Tiitoos woy isin irraa nyaateeraa ree? Anii fi inni ayyaana tokkoonii motii ka isin tajaajille? Ideensi keennalle tokkoo motii ree?
19 Isin duudiin haga ammaa, waan nuuti isin duratti marroo teennaaf falmataarru gootanee ilaalaartanii? Nuuti Kiristoosiin jiraannee, Waaqa duratti dubbataarra. Jaalota tiyya! Nuuti isin ijaariisaaf jennee tana duudii dubbataarra. 20 Yennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu adoo isin hin te'in, anille akka isin barbaaddanu adoo hin te'in, takki wol dhaggina fa'a jedhee sodaadha. Takki fa'a lolli, hinaaffaan, aariin, ifi jaalatuun, maqaa namaa balleessuun, hamiin, kooriisaa fi hogaan odduu teessan jiraatuu jedhee sodaadha'a. 21 Deebi'ee gara keessan yennaa dhufu, Waaqi kiyya isin duratti na fokkisiisa jedhee sodaadha; tanaan qara worri cubbuu battumma'aa, sagaagalumma'aatii fi baalagumma'aa hujane, waan cubbuu irraa hin deebi'iniif gaddda keessa bu'innaa jedhee sodaadha.
<- 2 Worra Qorontoosii 112 Worra Qorontoosii 13 ->
Languages