1 Kolbaan Yihuda'aa ilma Yosiyaasii Yeho'ahaaz fuudhanee addee abbaa isaatitti Yerusaalem keessatti mootii godhane. 2 Yeho'ahaaz yennaa mootii te'u nama woggaa diddamii sadii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee ji'a sad bulche. 3 Achiin duuba mootiin Gibxi'ii barcumaa mootumma'aa ka Yerusaalem jiru irraa isa buusee, kolbaan Yihuda'aa meetii kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afur, worqii kiiloogiraamii soddomii afur gibira itti mure. 4 Mootiin Gibxi'ii Nekoon obboleessa Yeho'ahaazii Eliyaaqim Yerusaalemii fi Yihudaa irratti mootii godhee, maqaa isaalle jijjiiree «Yehoyaaqiim» jedhe. Obboleessa Eliyaaqimii Yeho'ahaaz ammoo gara Gibxi'ii geesse.
5 Yehoyaaqiim yennaa Yihudaa irratti mootii te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa kudhanii tokko bulche. Inni Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan hantuu huje. 6 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar Yihuda'atti duulee Yehoyaaqiim qabee gara Baabilonii isa geessiisaaf haachaba sageettu'uutiin hidhe. 7 Nebukadnezaar meya Galma Mootii Waan Maraa garii fuudhee mana mootummaa ifii ka Baabilon keessaa keessa keyate. 8 Wonni dhibiin ta mootichi Yehoyaaqiim huje, wonni diqachiittuun inni hujee fi wonni hantuun isatti dhufe marti kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti; ilmi isaa Yehoyaakiin addee isaatitti mootii te'e.
9 Yehoyaakiin yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii saddeetii ti[a]; inni Yerusaalem keessa tee'ee ji'a sadii fi guyyaa kudhan bulche; innille Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. 10 Woggaa keessa ji'a furmaataa Nebukadnezaariin mootichi namoota ergee, meya Galma Mootii Waan Maraa ka gatii guddo'oo woliin gara Baabilonii isa geesse. Achiin duuba obboleessa isaa ka abbaa diqqaa Zedeqiiya'aa biyya Yihuda'aatii fi Yerusaalem irratti mootii godhe.
11 Zedeqiiyaan yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii tokkoo ti; inni Yerusaalem keessa te'ee woggaa kudhanii tokko bulche. 12 Innille Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan hantuu huje. Jecha Mootii Waan Maraa ka dubbate Ermiyaasii raagicha duratti gad hin jenne. 13 Nebukadnezaarii mooticha maqaa Waaqaatiin isa kakachiise irratti finqila kaase. Inni ajajamuu didee, gadhaa jabaate malee gara Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii hin deebine. 14 Itti dabalanee qondaaltoti hayyootaatii fi kolba'aa ka hin addatanne te'anee aadaa diqachiittuu gosa biyya adda addaa hordofanee, Galma Mootii Waan Maraa ka inni Yerusaalem keessatti woyyoonfate batteessane.
- a Woggaa kudhanii saddeeti: Barreeffam Ibrootaa tokko woggaa saddeeti jedha.
Languages