7 Achiin duuba Yosiyaasiin mootichi Jila Irra Dabaramaatiif, loon ifii irraa, tika hoole'ee fi re'ee ifii irraa buruusoo korbeeyyii hoole'eetii fi supheelee re'e'ee kuma soddoma, dardaroota kuma sad kolbaa achitti wolitti qabante san maraaf kenne. 8 Sooressitooti isaalle fedha ifiitiin kolba'aaf, hayyootaa fi Lewwootaaf kennane. Sooreyyiin Galma Waaqaa Hilqiiyaan, Zakaariyaasii fi Yehii'el kennansa Jila Irra Dabaramaatiif dhikaatu hoole'ee fi re'ee'e kuma lamaa fi dhibba jaa, loon dhibba sad kennane. 9 Qondaaltoti Lewwootaa Konaaniya'aa fi obboleeyyan isaa Shemaa'iyaa fi Nataani'el, akkasuma Hashabiiyaan, Yeyi'elii fi Yozaabaad kennansa Jila Irra Dabaramaatiif hoole'ee fi re'ee'e kuma shan, loon dhibba shan Lewwootaaf kennane.
10 Hujiin marti yennaa qophootte akkuma mootichi ajajetti hayyooti addee ifiititti, Lewwootille addee addee ifii qabatanee tajaajilaaf dhaabbatane. 11 Hooloti Jila Irra Dabaramaa gorra'amanee, Lewwooti gogaa irraa baasiisatti adoo jiranuu, hayyooti dhiiga hoolotaa ka fuudhane san fiffixxe. 12 Akkuma kitaaba Muuse'ee keessatti barreeffametti, kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif akka dhikeessanu, akka maatii maatii abbootii isaaniititti kolba'aaf kenniisaaf adda baasane; dardaroota looniille akkasuma godhane. 13 Lewwooti akkuma ajajamanetti hoolee Jila Irra Dabaramaa san woddane; kennansa woyyicha san okkote'etti, ibido'oo fi disti'itti iffeelanee ariiti'iin kolba'aaf geessane. 14 Duubarra ifiif, hayyootaafille qopheessane; hayyooti sanyii Aaronii kennansa gubamuu fi cooma ciinceffamu haga galgalaatitti dhikeessaa waan turanuuf, Lewwooti ifii fi hayyoota sanyii Aaroniitiif kennansa Jila Irra dabaramaa qopheessane. 15 Faarsitooti sanyiin Asaafii akkuma Daawiti, Asaafi, Hemaanii fi Yedutuun raagichi mootichaa isaan ajajanetti addee ifii dhaabbatane; firri isaanii Lewwooti waan isaaniif barbaachisu waan isaaniif qopheessaneef, eeddoti karraa ta karra tokko tokko bira jiranu addee addee ifii hin lakkinne.
16 Maarre Jila Irra Dabaramaa jilifatiisaan, kennansa gubamu addee ciinca'aa irratti Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisaan, akkuma mootichi Yosiyaas ajajetti hujiin Mootii Waan Maraa marti guyyuma san muummotte. 17 Yennaa san Israa'elooti addee sanitti dhaggamane Jila Irra Dabaramaa jilifatane; jila daabboo uukoo hin qanneelle guyyaa torba jilifatane. 18 Bara Saamu'elii raagichaatii jalqabanee Israa'el keessatti jila Irra Dabaramaa ta akka kanaa jilifantee hin beekanu; mootota Israa'elii keessa mootichi Yosiyaas hayyoota, Lewwoota, Yihudootaa fi Israa'eloota mara, kolbaa Yerusaalemii worra addee sanitti dhaggamane woliin Jila Irra Dabaramaa ta akka kanaa jilifatanee hin beekanu. 19 Jilti Irra Dabaramaa tun Yosiyaas mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti jilifante.
23 Worri guube'een lolu daayaan mooticha Yosiyaas woraane; innille tajaajiltoota ifiitiin, «Ani akka malee madoweera, na fuudha'aa deema'a» jedhe. 24 Maarre tajaajiltooti isaa sun garreettaa fardaan harkifamu ka isaa irraa isa buusanee, garreettaa isaa ka fardaan harkifamu ka dhibii keessa keyanee gara Yerusaalemii isa geessane. Inni achumatti du'ee addee awwaala abbootii ifii ta duriititti awwaalame. Kolbaan Yihuda'aatii fi kolbaan Yerusaalemii marti Yosiyaasiif bowane.
25 Ermiyaasille faaruu gaddaa Yosiyaasiif baase; haga adhaalle faarfattooti dhiiraatii fi dubartootaa marti faaruu gaddaa ta ifii keessatti waan Yosiyaasii dubbatan. Wonni kun Israa'el keessatti akka seerataa teetee kitaabota wolaloo gaddaa keessatti barreeffanteerti. 26 Akkuma seera Mootii Waan Maraa keessatti barreeffametti wonni dhibiin ta mootichi Yosiyaas hujee fi hujiin isaa ta jaalala bara baraa, 27 hujiin isaa jalqabaa kaasee haga dhumaatitti kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi Yihuda'aa keessatti barreefanteerti.
<- 2 Dabarsi'i 342 Dabarsi'i 36 ->
Languages