4 Karaa Yonaataan gara quttuma Filisxeemotaa gamatti bu'ee bayuun, gara bita'aa fi middaatiin rassooti lama, tokko, ka «Bozez» jedhamu, kuun, ka, «Seenee» jedhamu jiraniiyyu. 5 Rassaan tokko karaa kaabaatiin Miikmaashi fuula dura, kuun ammoo karaa kibbaatiin Gebaa fuula dura jira.
6 Yonaataan dargaggeessa meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atuun, «Mootiin Waan Maraa nu'uuf hin lola fa te'a, koy gara garee loltoota Filisxeemotaa ta worra haqanqabaa hin qabatinii san gara gamaa buuna. Mootiin Waan Maraa namoota baca'aan yookiin diqqa'aan nu qarqaariisa hin dande'a» jedhe. 7 Dargaggeessi meya isaa ka woraanaa ba'atu sun isaan, «Waan gadhaa keeti keessatti yaadde maraa godhi. Duubatti hin deebi'in. Kunoo, anille akkuma keeti gadhaa tokkochaan si woliin jira» jedhe. 8 Achiin duuba Yonaataan isaan, «Kunoo, koy gara isaanii gamatti buunee, itti mudhanna. 9 Isaan nu'uun, ‹Haga nuuti gara keessan dhunnu achumatti nu eega'a› yoo jedhane, adduma jirutti isaan hin eeganna; gara isaaniille hin dhandhu. 10 Garuu isaan, ‹Gara keenna kowa'a› yoo jedhane, Mootiin Waan Maraa isaan harka keennatti dabarsee akka kenne beessisa nu'uuf waan te'uuf, gara isaanii hin dhandha» jedhe.
11 Maarre isaan lamaanuu garee loltoota Filisxeemotaatitti mudhatane. Filisxeemotille, «Kunoo, Ibrooti boolla itti dhokatane keessaa bayiissatti jiran» jedhane. 12 Loltoota Filisxeemotaa keessaa jarri takka, Yonaataanii fi dargaggeessa meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atuun, «Waan tokko isinitti mudhinna, gara keenna kowa'a» jedhane.
16 Eeddoti Saa'olii ta lafa Beniyaaminii Giibe'aa keessa jiranu, loltooti Filisxeemotaa asii fi achi akka bittinnowane dhaggane. 17 Saa'ol worra isa woliin jiruun, «Loltoota keenna laakkowa'aatii nu keessaa eentu akka deemee ilaala'a» jedhe; isaan yennaa loltoota laakkowane, Yonaataanii fi dargaggeessi isaa ka meya woraanaa isaaf ba'atu achi hin jiranu. 18 Yennaa san Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa kolbaa Israa'elii bira waan jiruuf, Saa'ol mooticha Ahiiya'aan, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa as fidi!» jedhe. 19 Saa'ol hayyicha woliin dubbatiisatti adoo jiruu quttuma Filisxeemotaa keessa hogaan ittuma bira dabare; maarre Saa'ol hayyichaan, «Daadimatiisa lakkis!» jedhe. 20 Achiin duuba Saa'olii fi kolbaan isa woliin jirtu wolitti qabamanee lolaaf duulane; achitti Filisxeemoti joonjitee, shallaaguma ifiitiin wol fixanuun dhaggane. 21 Ibrooti dur Filisxeemota woliin jiranuu fi ta isaan woliin gara addee quttumaa deemane, gara Israa'eloota Saa'olii fi Yonaataan woliin jiranuu deebi'ane. 22 Israa'elooti lafa koobittii Efreemii keessa dhokataneeranu marti, Filisxeemoti baqatiisatti akka jiranu dhage'anee, isaan loliisaaf gula deemaa ari'ane. 23 Maarre Mootiin Waan Maraa guyyaa san Israa'eloota qarqaaree, haga qachaa Bet-Aweenii dabaranee lolane.
24 Saa'ol guyyaa san, «Ani diinota kiyya adoo haluu hin bayin haga galgalaatitti, nami sagalee nyaate ka abaarame te'uu ti» jedhee kolbaa waan kakachiiseef, kolbaan Israa'elii guddoo rakkatte; maarre kolbaa keessaa nami tokkolle sagalee afaaniin hin qanne. 25 Loltooti marti gongomaa yennaa seenane, lafa irratti damma dhaggane. 26 Isaan gongomaa keessa yennaa seenane dammi sun coccophuun dhaggane; te'uu malee isaan kakuu waan sodaataneef, nami tokkolle damma san afaan ifiitiin hin qanne. 27 Yonaataan ammoo abbaan isaa kolbaa akka kakachiise waan hin dhage'iniif, qaccee ulee qabateeruu nadhii damma saniititti cuuphee muxate; ilti isaalle banante. 28 Achiin duuba loltoota keessaa nami tokko, «Abbaan keeti, ‹Nami guyyaa adhaa sagalee nyaate ka abaarame te'uu ti› jedhee kolbaa kakachiiseera; tanaaf kolbaan marti dadhaddeerti» jedhe.
29 Yonaataan deebisee, «Abbaan kiyya kolbaa teenna rakkiseera. Ani damma kana irraa diqquma waan muxadheef, ilti tiyya attam akka banante ilaala'a! 30 Kolbaan waan diinota ifii irraa saante adha adoo nyaattee jiraatte silaa attam irra caalaa dansa'a ree? Filisxeemota keessalle'ee silaa tana caalaa ijjeefamaniiyyu» jedhe.
31 Guyyaa san Israa'elooti worra Filisxeemotaa qachaa Miikmaashii irraa haga qachaa Ayalonii lolaneen duuba guddoo dadhabane. 32 Isaan waan saamane san hoolee, loonii fi jabbilee ariiti'iin qalatanee foon dhiiguma woliin nyaatane. 33 Achiin duuba jarri takka, «Kunoo, kolbaan foon dhiiguma woliin nyaattee Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujiisatti jirti» jedhanee Saa'olitti himane. Innille, «Isin seera cassitaneertan; amma dhakaa guddaa gangalcha'aatii as gara kiyya fida'a!» jedhe. 34 Achiin duuba inni, «Kolbaa keessa deddeema'aatii, isaaniin, ‹Tokko tokkoon keessan loonii fi hoolee teessan as gara kiyya fida'aatii, asumatti qaladha'aa nyaadha'a! Garuu foon dhiiguma woliin nyaatiisaan Mootii waan Maraa duratti cubbuu hin hujina'a› jedha'aa itti hima'a» jedhe. Maarre tokko tokkoon isaanii loon ifii fidanee galgaluma san achitti qalatane. 35 Achiin duuba Saa'ol addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaare; tun addee ciinca'aa ta inni jalqaba irratti Mootii Waan maraatiif ijaare.
36 Saa'ol, «Kowa'a, halkaniin worra Filisxeemotaa gula deennee haga latti bariitutti isaan saanna! Isaan keessalle'ee nama tokkolle lubbu'uun hin hamburru» jedhe.
37 Maarre Saa'ol, «Worra Filisxeemotaa gula deemuu? Harka Israa'elootaatitti dabarsitee isaan hin kennitaa?» jedhee Waaqa gaafate; Waaqi ammoo guyyaa san deebii isaaf hin kennine. 38 Tanaaf, Saa'ol, «Isin sooressitooti loltootaa marti as kowa'a! Cubbuu adha hujante qorqorree dhaggina! 39 Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee Israa'eloota hamburee! Nami cubbuu tana huje ilma kiyya Yonaataan te'ulle ijjeefamuu ti!» jedhe. Garuu kolbaa keessaa nami tokkolle deebii hin kennine. 40 Achiin duuba Saa'ol Israa'eloota maraan, «Isin gara san dhaabbadha'a! Ani fi ilmi kiyya Yonaataan ammoo gara kana hin dhaabbanna!» jedhe.
44 Saa'ol, «Yonaataan, ati yoo hin ijjeefamin, Waaqi na ijjeesuu ti!» jedhe. 45 Kolbaan ammoo Saa'oliin, «Nami baafama guddaa akkanaa Israa'el keessatti fide, Yonaataan ijjeefamuu qabaa ree? Tun hin teetu; inni adha qarqaarsa Waaqaatiin tana waan hujeef, dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee! Rifeensa mataa isaa keessaa tokkolle lafa hin bu'u» jedhane. Maarre kolbaan Yonaataan du'a irraa hamburte. 46 Achiin duuba Saa'ol Filisxeemota ari'iisa lakkisee, isaan gara biyya ifii deebi'ane.
49 Maqaan ilmaan Saa'olii, Yonaataan, Yishwii fi Malkiishuwa'a. Maqaan durra isaa angafittiin, Meraab, maandhittiin Mikaal. 50 Maqaan haadha manaa isaa Ahino'aam; isiin intala Ahimaazii ti; maqaan ajajaa loltoota isaa Abneer; inni ilma Neerii obboleessa abbaa Saa'olii ti. 51 Abbaan Saa'olii Qiishii fi abbaan Abneerii Neer, isaan lamaanuu ilmaan Abii'elii ti.
52 Bara Saa'olii mara Filisxeemota woliin lolli jabaan jiraayyu; Saa'olille nama hunnaamessa yookiin janna yennaa dhagge, fudhatee tajaajilaa ifii godhata.
<- 1 Saamu'elii 131 Saamu'elii 15 ->
Languages