3 Yonaataan garee loltoota Filisxeemotaa ta qachaa Gebaa keessa jiranu lole. Worri Filisxeemotaalle tana dhage'ane. Saa'olille, «Ibrooti dhageettuutii» jedhee lafa mara keessatti tultullaa afuussise. 4 Israa'elooti marti, «Saa'ol garee loltoota Filisxeemotaa lole; worri Filisxeemotaa Israa'eloota jibbe» oduu jettu dhage'ane; maarre kolbaan marti Saa'ol woliin duuliisaaf Giilgalitti wolitti qabante.
5 Worri Filisxeemotaa garreettaa fardaan harkifamu kuma soddoma, abbootii fardaa kuma jaa fi loltoota bindillaa ta laakkossi isaanii akka maansa abbaayaa qarqaraa woliin, Israa'eloota loliisaaf wolitti qabamane. Isaan dhaqanee qachaa «Miikmaashi» jedhamu ka Bet-Aween irraa gara aduun baatu jiruu qubatane. 6 Israa'elooti haalli keessa jiranu sodaachisaa akka te'ee fi loltooti isaaniille muddama guddaa keessa akka jiranu yennaa dhaggane, godaa fi ciggaa qore'ee keessa, odduu rassa'aa keessa, bowwa'aa fi boolla keessa seenanee dhokatane. 7 Worra Ibrootaa keessaa gariin laga Yordaanosii gamatti bu'anee gara lafa Gaadiitii fi lafa Giil'aadii deemane.
15 Achiin duuba Saamu'el Giilgalii ka'ee gara Giibe'aa lafa Beniyaamin keessaa dhaqe. Saa'olille worra isa woliin hafe laakkowe; isaanille gara nama dhibba jaa ti. 16 Saa'olii fi ilmi isaa Yonaataan worra isaan woliin hafane woliin lafa Beniyaaminii Giibe'aa keessa turane; worri Filisxeemotaa ammoo qachaa Miikmaashii keessa qubatane. 17 Gareen loltoota worra Filisxeemotaa kutaa saditti qoodamanee bayane. Gareen tokko karaa Ofraatiin gara lafa Shuwaalii deebi'ane; 18 gareen lammeesso'oo karaa Bet-Horoonii, gareen sadeesso'oo karaa meessaa dhooqa Zebo'iimii karaa fuullee goomole'ee gorane.
19 Worri Filisxeemotaa, «Worri Ibrootaa shallaagaa yookiin eboo hin tumatin» waan jedhaneeranuuf, lafa Israa'elii mara keessa worri sibiila tumu hin jiruuyyu. 20 Maarre Israa'elooti marti maarasha'aa fi qottoo, agara'aa fi haantuu qorqorsiifatiisaaf gara worra Filisxeemotaa dhaqan. 21 Maarasha'aa fi qottoo qorqorsiifatiisaaf meetii gara giraama saddeetii, agaraa, horooro'oo[b] fi sibiila mutaa qotiyyo'oon oofanuu qorqorsiifatiisaaf meetii gara giraama afurii kaffalan. 22 Maarre guyyaa lolaa, Saa'olii fi ilma isaa Yonaataan malee loltoota isaan woliin jiranu keessaa shallaagaa yookiin eboo nami qabu tokkolle hin jiru.
23 Yennaa san loltooti Filisxeemotaa takka karaa gara Miikmaashii qaxxaamursu dooyiisaaf deemane.
<- 1 Saamu'elii 121 Saamu'elii 14 ->
Languages