4 Ijoolle! Isin ka Waaqaati; ka isin keessa jiru ka biyya lafaa keessa jiru waan caaluuf, raagota dharaameyyii injifattaneertan. 5 Raagoti dharaameyyiin ka biyya lafaa waan te'aneef, waan biyya lafaa dubbatan, biyyi lafaalle isaan dhageetti. 6 Nuuti ka Waaqaa ti. Nami Waaqa beeku maraa nu dhage'a; nami ka Waaqaa hin te'in mara ammoo nu hin dhage'u. Kanaan Ayyaana dhugaamessaa fi ayyaana dharaamessa gargar baannee beenna.
13 Inni Ayyaana ifii irraa waan nu'uuf kenneef, nuuti isa keessa, innille nu keessa akka jiraatu hin beenna. 14 Abbaan Ilma ifii Fayyisaa biyya lafaa godhee akka erge nuuti dhaggineerra, dhugaalle hin baana. 15 Yesuus Ilma Waaqaa akka te'e nami dhugeessu maraa, Waaqi isa keessa, innille Waaqa keessa hin jiraata. 16 Nuuti jaalala Waaqi nu'uuf qabu beennee, dhugeeffanneerra.
17 Biyya lafaa tana irratti akkuma Kiristoos le'e waan leeneef guyyaa mura'aa ifi-addii hin qabaanna; akka kanaan jaalaltiin Waaqaa nu keessatti guutanteerti. 18 Jaalala keessa sodaan hin jirtu; jaalaltiin guutuun sodaa baattee gatti; sodaan adabama woliin waan wol qabatteertuuf, nami sodaatu jaalaltiin isaa guutu'uu moti. 19 Waan Waaqi dursee nu jaalateef nuutille hin jaalanna. 20 Eennulle «Ani Waaqa hin jaaladha» jedhaa, obboleessa ifii ammoo yoo jibbe, inni dharaamessa; obboleessa ifii ka ilaan dhaggu ka hin jaalanne, Waaqa ilaan hin dhaggine jaalatuu hin dande'u. 21 Nami Waaqa jaalatu, obboleessa ifiille jaalatuu qaba, ajaja jedhu Kiristoos nu'uuf kenneera.
<- 1 Ergaa Yohaannisii 31 Ergaa Yohaannisii 5 ->- a Yoh. 1:18
Languages