4 Cubbuun seera balleessiisa waan teeteef, nami cubbuu huju mara seera Waaqaa balleessee yakka. 5 Kiristoos cubbuu teenna balleessiisaaf akka dhufee fi ifii ammoo akka cubbuu hin qanne isin hin beettan. 6 Nami Kiristoosiin le'u cubbuu hin huju; nami cubbuu huju isa hin dhaggine, yookiin isaa hin beenne.
7 Ijoolle! Eennulle me isin sobuu ti! Akkuma Kiristoos balchaa te'e, nami balchummaa huju balcha'a. 8 Durriisi jalqabaa jalqabee cubbuu waan hujuuf, nami cubbuu huju maraa ilma Durriisaa ti. Ilmi Waaqaa hujii Durriisaa balleessiisaaf mudhate. 9 Nami Waaqa irraa dhalate adabi[b] Waaqaa isa keessa waan jiraatuuf cubbuu hin huju, hujiisaafille hin dande'u. 10 Nami balchummaa hin hunyee fi nami obboleessa ifii hin jaalanne mara ka Waaqaatii moti; ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen Durriisaa kanaan gargar baafamanee beekkaman.
13 Obboleeyyan tiyya! Kolbaan biyya lafaa yoo isin jibbite hin maadeffatina'a! 14 Nuuti obboleeyyan teenna waan jaalanuuf du'a keessaa gara jiru'uutitti akka dabarre hin beenna. Nami nama hin jaalane du'a keessatti hafa. 15 Nami obboleessa ifii jibbu, nama nama ijjeese; nami nama ijjeese, jiruu bara baraa akka ifi keessaa hin qanne isinuu hin beettan. 16 Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu'uuf kenneef, jaalaltiin maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna. 17 Nami karra qabu tokko obboleessi isaa rakkatuun dhaggaa yoo gadhaa itti jabaate, attamiin jaalaltiin Waaqaa isa keessa jiraatti ree? 18 Ijoolle! Dubbi'iin yookiin afaan calla'aan adoo hin te'in, huji'ii fi dhuga'aan wol jaalannuu ti.
22 Nuuti ajaja Waaqaatiif waan ajajannuu fi waan isa gammachiisu waan hunyuuf, waan isa gaafanne maraa isa irraa hin fudhanna. 23 Ajaji Waaqaa, Ilma isaa Yesuus Kiristoositti akka dhugeeffannuu fi akkuma inni nu ajaje akka wol jaalannu.[c] 24 Worri ajaja Waaqaatiif ajajamu Waaqaan le'a; Waaqille isaan keessa le'a. Ayyaana inni nu'uuf kenneen, akka Waaqi nu keessa jiru beenna.
<- 1 Ergaa Yohaannisii 21 Ergaa Yohaannisii 4 ->
Languages