3 Daawiti itti dabalee lafa laga Efraaxiisii bira jirtu lolee harkatti galfatiisaaf yennaa dhaqe, mooticha Zoba'aa Hadaad-Ezer haga qachaa Haamaatii dhaqee lole. 4 Daawiti garreettaa fardaan harkifamu ka isaa kuma tokko, abbootii fardo'oo ka isaa kuma torbaa fi loltoota isaa ta miilaa kuma diddama booji'e. Inni fardoolee garreettaa harkittu dhibba tokko qofa hamburee, fardoolee hafane kaan mogolee kukkutee naaffise.
5 Namooti Sooriya'aa ka Damaasqoo keessa le'anu, mooticha Zoba'aa Hadaad-Ezer qarqaariisaaf yennaa dhufane, Daawiti lolee isaan keessaa namoota kuma diddamii lama ijjeese. 6 Achiin duuba inni lafa isaanii keessatti quttuma loltootaa dhaabee, worri Sooriya'aa isaan bulanee gibira isaaf geessane. Mootiin Waan Maraa addee dhaqe maratti injifannoo Daawitiif kenne. 7 Daawiti wontee worqi'ii ta qondaaltoti Hadaad-Ezerii qabattu fudhatee, gara Yerusaalemii geesse. 8 Inni ammalle qachoota Hadaad-Ezerii ka, «Xibhaatii fi Chuun» jedhamanu keessaa sageettuu bacaa fudhate. Mootichi Solomoon sageettuu saniin waabaa bisaanii, utubootaa fi meya sageettu'uu ka adda addaa huje.
9 Mootichi Haamaatii To'i, akka Daawiti loltoota Hadaad-Ezerii mooticha Zoba'aa mara injifate yennaa dhage'e, 10 ilma ifii Hadoraam akka dhaqee Daawitii mooticha nageya fuudhee, «Baga gammadde» jedhuuf gara Daawitii mootichaa erge; To'i yennaa hedduu Hadaad-Ezeriin wol loleeraayyu. Hadoraamille kennansa meya adda addaa ka worqii irraa, meeti'ii fi sageettuu irraa hujame isaaf geesse.
11 Daawitiin mootichi meya kanalle akkuma yennaa meeti'iitii fi worqii kolbaa Edoomii, kolbaa Mo'aabii, kolbaa Amoonii, kolbaa Filisxeemotaatii fi Amaaleqii booji'ee fudhate godhe, Mootii Waan Maraatiif adda baase.
12 Abiishaayiin Zeruyaan deette dhooqa sooddaa keessatti namoota Edoomii kuma kudhanii saddeeti ijjeese. 13 Daawiti quttuma loltootaa Edoom keessatti dhaabe; worri Edoomiille martinuu isa gabbarane. Mootiin Waan Maraa lafa Daawiti dhaqe maratti injifannoo isaaf kenne.
Languages