2 Naataanille deebisee Daawitiin, «Waaqi si woliin waan jiruuf, waan gadhaan keeti yaade mara godhi» jedhe.
3 Halkanuma san jechi Mootii Waan Maraa gara Naataanii dhufee, 4 «Dhaqiitii tajaajilaa kiyya Daawitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: mana ani keessa le'u ka naaf ijaaru si'ii moti. 5 Ani bara Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baaseen jalqabee haga ammaatitti, dunkaanii takkaa irraa gara dunkaanii taaniititti, addee quttumaa takka irraa gara addee quttumaa taanitti deeme malee, mana keessa hin leene. 6 Israa'eloota mara woliin lafa dhaqe maratti, abbootii mura'aa ta Israa'elii worra ani kolbaa tiyya akka eeganuuf ajaje keessaa tokkolle'een: muka hindheensaatiin maaf mana naa ijaaruu didde? jedhee beekaa?
7 « ‹Tanaaf, amma ati garbicha kiyya Daawitiin: Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade: Ati kolbaa tiyya Israa'el akka bulchituuf, adoo ati hoolee tissituu tika keessaa si fudhadhe. 8 Lafa ati dhaxxe maratti si woliin jiraayyu; diinota keeti maralle fuula keeti duraa balleesse. Ammalle akka maqaa namoota gugurdaa biyya lafaa keessaa akka maqaa tokkochaa maqaa keeti hin godha. 9 Kolbaa tiyya Israa'eliif addee hin kenna; isaan hin sarbamanu; biyya ifii keessa hin le'an. Haganaa achi namooti hamooleen akka yennaa durii san isaan hin cunqursanu. 10 Yennaa ani abbootii mura'aa kolbaa tiyya Israa'eliif kaaseen jalqabanee, ka isaan cunqursane, deebi'ane isaan hin cunqursanu; diinolee teeti mara gad hin deebisa. Mootiin Waan Maraa mootummaa sanyii teetii jabeessee akka dhaabu ani sitti hima. 11 Barri keeti geyee duutee, abbootii teeti biratti yennaa awwaalantu, sanyii teeti keessaa ilma keeti tokkocha addee teetitti mootii hin godha; mootummaa isaalle hin jabeessa. 12 Inni mana naaf hin ijaara; anille barcumaa mootummaa isaa haga bara baraa hin jabeessa. 13 Ani abbaa isaa hin te'a; inni ilma kiyya hin te'a. Mooticha si'iin duraa irraa jaalala kiyya ka bara baraa akka kaase, ilma keeti irraa jaalala kiyya ka bara baraa hin kaasu. 14 Inni kolbaa tiyya irratti, mootummaa tiyya irralle'etti bara baraan jabaatee akka dhaabbatu hin godha; barcumaan mootummaa isaalle bara baraan jabaatee hin jiraata› jedhi» jedhe.
15 Naataan dubbii mudhi'ii tana mara Daawititti hime.
23 «Ammalle, ee Mootii Waan Maraa, marroo ana tajaajilaa keetiitii fi marroo sanyii tiyyaatiifille waadaan galte haga bara baraa jabaatee dhaabbatuu ti; akkuma dubbatte tolchi. 24 Guddinni maqaa keetii kunille haga bara baraa akka beekkamu waadaan ati galte kun jabaatee dhaabbatuu ti. Yennaa san namooti, ‹Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii dhugumaan Waaqa Israa'elii ti› hin jedhan. Sanyiin ana tajaajilaa keeti Daawitiille si duratti jabaattee hin dhaabbatti. 25 Ee Waaqa kiyya, ati sanyii ana tajaajilaa keetii haga bara baraa jabaattee akka dhaabbattu, mudhi'iin waan natti dubbatteef, ani tajaajilaan keeti gara keeti daadimatiisaaf, jajjabeenna dhaggadheera. 26 Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa; ati ana tajaajilaa keetiif waadaa dansaa kana galteerta. 27 Ati sanyii ana tajaajilaa keetii, haga bara baraa fuula keeti duratti eebbisiisaaf jaalatteerta. Ee Mootii Waan Maraa, ati waan isii eebbitteef, isiin haga bara baraa hin eebbifanti» jedhe.
<- 1 Dabarsi'ii 161 Dabarsi'ii 18 ->
Languages