3 Daawiti Yerusaalem keessatti dubartii ede'ee fuudhee, ilmaanii fi ijoollee durraa ede'ee uumate. 4 Maqaan ijoollee inni Yerusaalemitti uumatee: Shamu'aa, Shobaab, Naataan, Solomoon, 5 Yiibhaar, Eliishuwaa, Elphaalex, 6 Nogaa, Nefeg, Yaafii'aa, 7 Eliishaamaa, Ba'aal-Yaadaa fi Eliifelex.
11 Maarre Daawiti namoota ifii woliin gara Ba'aal Pheraaziimii ol bayee, worra Filisxeemotaa lolanee injifatane. Inni, «Akka lolaan bisaanii ededa caccassu, Waaqi harka kiyya irratti diinota kiyya caccasse» jedhe. Tana irratti maqaan addee saniille, «Ba'aal-Pheraaziim[a]» jedhamee moggaafame. 12 Worri Filisxeemotaa waaqota ifii ka dharaa achitti lakkisanee baqatane; Daawiti akka isaan gubamanuuf ajaja baase.
13 Worri Filisxeemotaa ammalle deebi'anee dhooqa san saamiisa jalqabane. 14 Daawiti ammalle Waaqa gaafate; Waaqille deebisee, «Marfadhuutii muka harru'uu biraan isaan loli malee, fuula duraan itti ol hin bayin. 15 Qoonqoo geerarsaa qaccee muka harru'uu gubba'atti yennaa dhageette, ani loltoota Filisxeemotaa injifatiisaaf si'iin dura waan bayuuf, isaan loliisaaf dhaqi» jedheen. 16 Daawiti akkuma Waaqi isa ajaje godhee, namoota ifii woliin, Giibe'onii jalqabee haga Gezeriititti loltoota worra Filisxeemotaa ari'e. 17 Gurri Daawitii lafa maratti dhage'ame; Mootiin Waan Maraalle gosi biyyi adda addaa akka isa sodaattu godhe.
<- 1 Dabarsi'ii 131 Dabarsi'ii 15 ->- a Ba'aal-Pheraaziim: Afaan Ibrootaatiin Mootiin Waan Maraa caccassuu ti jechu'u.
Languages