5 Maarre Daawiti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa Kiriiyat-Ya'ariimii fidiisaaf, Israa'eloota laga Shiihorii ka Gibxii keessaatii jalqabee, haga seensuma Haamaatii jiranu mara wolitti qabe. 6 Daawitii fi Israa'elooti marti Saanduqa Gondooro'oo ta Waaqa Mootii Waan Maraa ta maqaa isaatiin waamante, ta dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lamaan odduu barcuma'aa irra keyante san fidiisaaf, gara qachaa Ba'aalaa, ka Yihudaa keessaa ka «Kiriiyat-Ya'ariimii» jedhamutti ol bayane. 7 Isaan Saanduqa Gondooro'oo ta Waaqaa mana Abinaadaabiitii fuudhanee, garreettaa haareya irra keyanee fidane. Uzaanii fi Ahiiyon garreettaa harkifamu san oofane. 8 Daawitii fi Israa'elooti marti hunna ifii maraan Waaqa duratti weeddu'uun, kiraara guddichaan, maseenqo'oon, dibbe'een, sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuu fi tultulla'aan jilifatane.
9 Eeddummee Kiidonii yennaa geyane qotiyyooti garreettaa harkittu waan gufatteef, Uzaan Saanduqa Gondooro'oo san qabiisaaf itti hiixate. 10 Uzaan Saanduqa Gondooro'oo san harka ifiitiin waan tuqeef, Mootiin Waan Maraa isatti aaree isa dhowe. Maarre inni achuma Waaqa duratti du'e. 11 Aariin Mootii Waan Maraa waan Uzaa cassiteef, Daawiti aare. Addeen sun haga adhaatitti «Pherez-Uzaa[a]» jedhanti.
12 Daawiti gaafasii jalqabee Waaqa sodaatee, «Ani attamiin Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa tana fudhadhee galuu dande'a ree?» jedhe. 13 Tanaaf, Daawiti Saanduqa Gondooro'oo san gara qachaa ifii fudhatee galiisa lakkisee, gara mana Obed-Edoomii nama qachaa Gaatii geesse. 14 Saanduqi Gondooro'oo ta Waaqaa, ji'a sad maatii Obed-Edoomii woliin mana isaa keessa turte. Mootiin Waan Maraalle maatii Obed-Edoomiitii fi waan inni qabu mara eebbise.
<- 1 Dabarsi'ii 121 Dabarsi'ii 14 ->- a Pherez-Uzaa: Afaan Ibrootaatiin cannana Uza'aa jechu'u.
Languages