2 Ergamaan Waaqayyoo sunis, “Ati maal argita?” jedhee na gaafate.
3 Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Kun abaarsa lafa hundumatti dhufaa jiruu dha; akka kitaabicha irratti barreeffametti, hattuun hundinuu ni barbadoofti; akkuma barreeffamni gama kaan irraa jedhutti namni sobaan kakatu hundinuu ni barbadeeffama. 4 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ani abaarsa kana gad nan erga; innis mana hattuutii fi mana nama sobaan maqaa kootiin kakatuu ni seena. Abaarsi kun mana isaa keessatti hafee, mana isaa, muka isaatii fi dhagaa isaa ni barbadeessa.’ ”
6 Anis, “Inni maali?” jedheen gaafadhe.
7 Ergasii qadaadni dilaalii irraa hojjetame irraa ol fuudhame; kunoo dubartiin tokko quunnaa sana keessa teessee turte! 8 Innis, “Kun hammina” jedhe; ergasii quunnaa keessatti gad ishee dhiibee qadaada dilaalii irraa hojjetame sana afaan quunnaatti deebise.
9 Ergasii ani ol nan milʼadhe; kunoo dubartoonni qoochoo isaanii jalaa bubbee qaban lama fuula koo dura turan! Isaanis qoochoo akka qoochoo huummoo qabu ture; quunnaa sanas samii fi lafa gidduutti ol fuudhan.
10 Anis, “Isaan quunnaa sana eessatti geessu?” jedheen ergamaa Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sana gaafadhe.
11 Innis, “Mana ijaaruuf jedhanii gara biyya Baabilonitti geessu. Yeroo manni sun ijaaramee qopheeffamutti quunnaa sana fuudhanii iddoo isaa kaaʼu.”
<- Zakkaariyaas 4Zakkaariyaas 6 ->