4 Anis, “Yaa gooftaa wanni kun maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sana gaafadhe.
5 Inni immoo, “Ati isaan maal akka taʼan hin beektuu?” jedhee naaf deebise.
6 Kanaafuu inni akkana naan jedhe; “Kun dubbii Waaqayyoo kan Zarubaabeliif kennamee dha: ‘Hafuura kootiin malee jabinaan yookaan humnaan miti’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
7 “Yaa tulluu guddaa ati maali? Ati fuula Zarubaabel duratti lafa diriiraa taata. Innis, ‘Surraan, surraan isaaf haa taʼu!’ jedhanii iyyaa inni dhagaa xumuraa baasa.”
8 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 9 “Harki Zarubaabel hundee mana qulqullummaa kanaa buuseera; harkuma isaatu ijaaree fixa. Ergasii isin akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu isinitti na erge ni beektu.
10 “Eenyutu guyyicha waan xinnoo tuffata? Namoonni gaafa harka Zarubaabel keessatti tunbii arganitti ni ililchu. Wantoonni torban kunneen ijawwan Waaqayyoo kanneen lafa hunda irra nanaannaʼanii ilaalanii dha.”
11 Anis, “Mukkeen ejersaa lamaan karaa mirgaa fi bitaa baattuu ibsaa jiran kunneen maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo sana gaafadhe.
12 Ammas ani, “Dameen muka ejersaa lamaan ujummoo warqee lamaan biraa kanneen zayitii warqee gad dhangalaasan kunneen maali!” jedheen isa gaafadhe.
13 Innis, “Isaan maal akka taʼan ati hin beektuu?” naan jedhe.
14 Kanaafuu inni, “Isaan kunneen warra lamaan akka Gooftaa lafa hundaa tajaajilaniif dibamanii dha” jedhe.
<- Zakkaariyaas 3Zakkaariyaas 5 ->