Link to home pageLanguagesLink to all Bible versions on this site
3
Uffata Qulqulluu Luba Ol Aanaa
1 Innis utuu Iyyaasuun lubichi ol aanaan fuula ergamaa Waaqayyoo dura dhaabatee, Seexanni immoo isa himachuuf karaa harka mirga isaa dhaabatuu na argisiise. 2 Waaqayyos Seexanaan akkana jedhe; “Seexana nana, Waaqayyo si haa ifatu! Waaqayyo inni Yerusaalemin filate si haa ifatu! Namichi kun mukukkula ibidda bobaʼu keessaa butame mitii?”

3 Iyyaasuun yeroo ergamaa Waaqayyoo sana dura dhaabatetti uffata xuraaʼaa uffatee ture. 4 Ergamaan Waaqayyoo sunis warra isa dura dhaabachaa turan sanaan, “Uffata isaa xuraaʼaa isa irraa baasaa” jedhe.

Innis ergasii Iyyaasuudhaan, “Kunoo ani cubbuu kee sirraa fuudhee uffata miidhagaa sittin uffisa” jedhe.

5 Anis, “Mataa isaa irra marata qulqulluu kaaʼaafii” nan jedhe. Kanaafuu isaan utuma ergamaan Waaqayyoo sun achi dhaabatee jiruu, marata qulqulluu mataa isaa irra kaaʼanii uffata itti uffisan.

6 Ergamaan Waaqayyoo sunis ajaja kana Iyyaasuuf kenne: 7Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ati yoo karaa koo irra deemtee ajaja koo eegde, mana koo ni bulchita; itti gaafatamaa oobdii koo ni taata; anis warra as dhadhaabatan kana gidduutti iddoo siif nan kenna.

8 “ ‘Yaa Iyyaasuu lubicha ol aanaa, atii fi gareen kee warri fuula kee dura tataaʼan, namoonni waan dhufuuf jiruuf mallattoo taʼan waan kana dhaggeeffadhaa. Ani tajaajilaa koo Damee sana nan fida. 9 Dhagaa ani fuula Iyyaasuu dura kaaʼe ilaalaa! Dhagaa tokkicha sana irra ija torbatu jira; anis barreeffama isa irratti nan qiriixa’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu; ‘cubbuu biyya kanaas guyyuma tokkotti nan balleessa.

10 “ ‘Bara sana tokkoon tokkoon namaa muka wayiniitii fi muka harbuu isaa jala taaʼuuf ollaa isaa ni waammata’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.”

<- Zakkaariyaas 2Zakkaariyaas 4 ->