4 Kanaafuu yaa obboloota ko, isinis akkasuma karaa dhagna Kiristoosiin seeraaf duutaniirtu; kunis akka isin kan biraa, kan isa warra duʼan keessaa kaafame sanaa taataniif; kun immoo akka nu Waaqaaf ija naqannuuf. 5 Yeroo nu akka namummaa cubbamaatti jiraachaa turretti, hawwiin cubbuu kan seeraan kakaafame sun akka nu duʼaaf ija naqannuuf dhagna keenya keessatti hojjechaa ture. 6 Amma garuu waan duraan nu hidhee ture sanaaf duʼuudhaan seera irraa hiikamneerra; kunis akka seera moofaa barreeffame sana jalatti tajaajilluuf utuu hin taʼin akka jireenya Hafuuraa haaraa sanaan tajaajilluuf.
13 Egaa waan gaarii sanatu duʼa natti taʼee ree? Gonkumaa akkas miti! Cubbuunis akka cubbuutti akka ilaalamuuf, akka karaa ajajaatiin ittuma caalee cubbuu taʼuufis cubbuun karaa waan gaarii sanaatiin duʼa natti fide.
14 Nus akka seerri sun seera hafuuraa taʼe ni beekna; ani garuu nama foonii kan akkuma garbaatti cubbuutti gurguramee dha. 15 Ani waanan hojjedhu hin beeku. Ani waanan jibbun hojjedha malee waanan hojjechuu barbaadu hin hojjedhuutii. 16 Ani erga waanan hojjechuu hin barbaanne hojjedhee, akka seerri sun gaarii taʼe walii nan gala. 17 Yoos, siʼachi cubbuu na keessa jiraatutu waan kana hojjeta malee ana miti. 18 Na keessa jechuunis namummaa koo cubbamaa keessa akka wanni gaariin tokko iyyuu hin jirre nan beeka. Ani waan gaarii hojjechuu nan hawwa; garuu hojjechuu hin dandaʼu. 19 Wanti ani hojjedhu waan hamaa ani hojjechuu hin barbaanne malee waan gaarii ani hojjechuu barbaadu mitiitii. 20 Egaa ani waanan hojjechuu hin barbaanne yoon hojjedhe, siʼachi cubbuu na keessa jiraatu sanatu waan kana hojjeta malee ana miti.
21 Kanaafuu akka seerri sun hojjechaa jiru nan hubadha; yommuu ani waan gaarii hojjechuu barbaadu hamminni na biratti argama. 22 Ani keessa namummaa kootti seera Waaqaattin nan gammadaatii; 23 ani garuu utuu seerri biraa seera qalbii koo wajjin kutaa dhagna koo keessatti wal lolee seera cubbuu kan kutaa dhagna koo keessa jiruuf na boojiʼuu nan arga. 24 Ani nama gadadamaa akkamii ti! Dhagna duʼu kana jalaa eenyutu na baasa? 25 Karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin galanni Waaqaaf haa taʼu!
- a Bau 20:17; KeD 5:21