17 Dameewwan sana keessaa tokko tokko caccabsamnaan ati utuma lataa ejersa bosonaa taatee jirtuu iddoo dameewwan caccabaniitti fayyifamtee soora hidda ejersaa irraa argamu kan qooddattu taanaan, 18 dameewwan sanatti hin koorin. Yoo of jajje garuu hidda sanatu si baata malee akka ati hidda sana hin baanne hubadhu. 19 Atis, “Akka ani itti fayyifamuuf dameewwan sun caccabsaman” ni jetta. 20 Kun dhuguma. Isaan waan amantii hin qabneef caccabsaman; ati garuu amantiidhaan dhaabatteerta. Kanaafuu sodaadhu malee of hin tuulin. 21 Waaqni yoo dameewwan uumamaatiif hin hilin siifis hin hiluutii.
22 Egaa arjummaa fi gara jabina Waaqaa hubadhu: gara jabinni isaa warra kufan irratti; arjummaan isaa garuu hamma ati arjummaa isaa keessa jiraattutti siif; yoo kanaa achii atis ni kutamta. 23 Isaanis yoo amantii dhabuutti fufuu baatan itti fayyifamu; Waaqni deebisee itti isaan fayyisuu ni dandaʼaatii. 24 Ati muka uumamaan ejersa bosonaa taʼe irraa muramtee karaa seera uumamaatiin ala taʼeen muka ejersaa kan dhaabame irratti erga fayyifamtee, dameewwan uumamaa kunneen hammam caalaa muka ejersa isaanii irratti deebifamanii hin fayyifaman ree!
Israaʼeloonni Hundinuu Ni fayyu
25 Yaa obboloota, ani akka isin ogeeyyii of seetanii icciitii kana wallaaltan hin barbaadu; hamma lakkoobsi Namoota Ormaa guutuun seenutti Israaʼel gariin mata jabinaan jiraachaa turan. 26 Kanaafuu Israaʼel hundi ni fayyu; akkana jedhamee barreeffameeraatii:
“Inni furu Xiyoonii ni dhufa;
Yaaqoob irraas Waaqa malee jiraachuu ni balleessa.
27 Yommuu ani cubbuu isaanii isaan irraa fuudhutti,