Link to home pageLanguagesLink to all Bible versions on this site
Warri Nama Arrabsan Adabamuu Isaanii
Faarfannaa 64
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.
1 Yaa Waaqi, yommuu ani iyyadhu sagalee koo dhagaʼi;
lubbuu koos doorsisuu diinaa duraa baasi.
2 Marii jalʼootaa duraa,
mala namoota hamoo duraas na dhoksi.
 
3 Isaan arraba isaanii akka goraadee qaratan;
dubbii hadhaaʼaas akkuma xiyyaatti qopheeffatu.
4 Isaan riphanii nama yakka hin qabnetti futtaasu;
akkuma tasaas sodaa malee itti gad dhiisu.
 
5 Kaayyoo jalʼinaa irratti wal jajjabeessu;
waaʼee dhoksanii kiyyoo kaaʼuus ni mariʼatu;
“Eenyutu isa arguu dandaʼa?” jedhaniis ni yaadu.
6 Isaanis jalʼina yaaduudhaan,
“Nu mala hirʼina hin qabne malanneerra!” jedhu;
yaadnii fi keessi garaa namaa gad fagoodhaatii.
 
7 Waaqni garuu xiyya isaa isaanitti futtaasa;
isaanis akkuma tasaa madaaʼu.
8 Innis arrabuma isaaniin isaan balleessa;
warri isaan argan hundinuu tuffiidhaan mataa raasu.
 
9 Namoonni hundinuu ni sodaatu;
isaan hojii Waaqaa ni labsu;
waan inni hojjete illee ni qalbeeffatu.
10 Namni qajeelaan Waaqayyotti gammada;
isattis kooluu gala;
gara toleeyyiin hundinuu isaan ulfina argatu.

<- Faarfannaa 63Faarfannaa 65 ->