Link to home pageLanguagesLink to all Bible versions on this site
Waan Warra Waaqatti Hin Bulle Eeggatu
Faarfannaa 53
53:1‑6 kwf – Far 14:1‑7
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Gosa Muuziiqaa maahilaati jedhamuun faarfatame. Maskiilii Daawiti.
1 Gowwaan garaa isaatti, “Waaqni hin jiru” jedha.
Isaan xuraaʼaniiru; karaan isaaniis jibbisiisaa dha;
namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.
 
2 Waaqni yoo namni waa hubatu,
kan Waaqas barbaadu tokko iyyuu jiraate
arguuf jedhee,
samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala.
3 Hundinuu dogoggoraniiru;
hundi isaaniis xuraaʼaniiru;
namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru;
tokkumti iyyuu hin jiru.
 
4 Warri hammina hojjetan,
kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan,
warri Waaqa hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?
 
5 Isaan iddoo wanni sodaatamu hin jirretti,
sodaadhaan liqimfamaniiru.
Waaqni lafee warra si marsanii ni bittinneessa;
sababii Waaqni isaan tuffateef, ati isaan qaanessite.
 
6 Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee!
Yommuu Waaqni saba isaa warra boojiʼaman deebisutti,
Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!

<- Faarfannaa 52Faarfannaa 54 ->