Link to home pageLanguagesLink to all Bible versions on this site
Nama Akkamiitu Mana Waaqaa Keessa Jiraachuu Dandaʼa?
Faarfannaa 15
Faarfannaa Daawit.
1 Yaa Waaqayyo, eenyutu dunkaana kee keessa jiraata?
Eenyutu tulluu kee qulqulluu sana irra jiraachuu dandaʼa?
 
2 Nama adeemsi isaa mudaa hin qabnee fi
nama waan qajeelaa hojjetu,
nama garaa isaatii dhugaa dubbatuu fi
3 kan arraba isaatiin nama hin hamanne,
nama ollaa isaatti waan hamaa hin hojjennee fi
nama ollaa isaa maqaa hin balleessine,
4 kan nama hamaa tuffatee warra Waaqayyoon sodaatan garuu kabaju,
yoo waan isa miidhu taʼe illee nama kakuu isaa eegu,
5 nama maallaqa isaa hiiqiidhaan hin liqeessinee fi
kan nama yakka hin qabne miidhuuf jedhee mattaʼaa hin fudhannee dha.
 
Namni wantoota kanneen hojjetu,
gonkumaa hin raafamu.

<- Faarfannaa 14Faarfannaa 16 ->