Link to home pageLanguagesLink to all Bible versions on this site
Faarfannaa Halkanii
Faarfannaa 134
Faarfannaa ol baʼuu.
1 Isin tajaajiltoonni Waaqayyoo,
warri halkan mana Waaqayyoo keessa tajaajiltan hundinuu,
Waaqayyoon galateeffadhaa.
2 Mana qulqullummaa keessatti harka keessan ol qabaatii
Waaqayyoon galateeffadhaa.
 
3 Waaqayyo samii fi lafa uume sun
Xiyoon irraa isin haa eebbisu.

<- Faarfannaa 133Faarfannaa 135 ->