Link to home pageLanguagesLink to all Bible versions on this site
Faarfannaa Warra Boojuudhaa Deebiʼanii
Faarfannaa 126
Faarfannaa ol baʼuu.
1 Yeroo Waaqayyo warra boojiʼamanii turan gara Xiyoonitti deebisetti,
nu akka warra abjuu abjootanii taane.
2 Afaan keenya kolfaan, arrabni keenya immoo
faarfannaa gammachuutiin guutame.
Kana irratti saboota gidduutti,
Waaqayyo waan guddaa isaaniif godheera” jedhame.
 
3 Waaqayyo waan guddaa nuuf godhe;
nus ni gammanne.
 
4 Yaa Waaqayyo, akkuma lagoota Negeeb,
boojuu keenya nuu deebisi.
5 Warri imimmaaniin facaasan,
faarfannaa gammachuutiin ni haammatu.
6 Namni sanyii facaafamu baadhatee booʼaa gad baʼu,
bissii isaa baadhatee faarfannaa gammachuu faarfachaa deebiʼa.

<- Faarfannaa 125Faarfannaa 127 ->