Link to home pageLanguagesLink to all Bible versions on this site
Waaqayyo Amanamtoota Isaa Ni eega
Faarfannaa 125
Faarfannaa ol baʼuu.
1 Warri Waaqayyoon amanatan akka Tulluu Xiyoon
kan hin raafamne, kan bara baraan jiraatu sanaa ti.
2 Akkuma tulluuwwan Yerusaalemin marsan sana,
Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti,
saba isaa ni marsa.
 
3 Akka qajeeltonni jalʼina hojjechuuf
harka isaanii ol hin diriirfanneef,
bokkuun hamootaa lafa qajeeltotaaf
ixaadhaan qoodame irra hin jiraatu.
 
4 Yaa Waaqayyo, warra gaariif,
warra garaa isaaniitiin toloota taʼaniifis waan gaarii godhi.
5 Warra karaa micciiramaatti garagalan garuu,
Waaqayyo akkuma warra hammina hojjetan balleessu jaras ni balleessa.
 
Nagaan Israaʼeliif haa taʼu.

<- Faarfannaa 124Faarfannaa 126 ->