Link to home pageLanguagesLink to all Bible versions on this site
Eegduu Israaʼel
Faarfannaa 121
Faarfannaa Ol baʼuu.
1 Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha;
gargaarsi koo eessaa dhufa?
2 Gargaarsi koo Waaqayyo
samii fi lafa uume biraa dhufa.
 
3 Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu;
kan si eegu hin mugu;
4 dhugumaan inni Israaʼelin eegu
hin mugu; hin rafus.
 
5 Waaqayyo si eega;
Waaqayyo karaa mirga keetiitiin gaaddisa siif taʼa;
6 guyyaa aduun si hin gubu;
halkanis jiʼi si hin miidhu.
 
7 Waaqayyo miidhaa hunda irraa si eega;
inni lubbuu kee ni eega;
8 Waaqayyo ammaa jalqabee
hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.

<- Faarfannaa 120Faarfannaa 122 ->