Link to home pageLanguagesLink to all Bible versions on this site
Faarfannaa Ayyaana Daasii
Faarfannaa 118
1 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;
jaalalli isaa bara baraan jiraata.
 
2 Sabni Israaʼel, “Jaalalli isaa
bara baraan jiraata” haa jedhu.
3 Manni Aroonis,
“Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhu.
4 Warri Waaqayyoon sodaatan,
“Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhan.
 
5 Dhiphina koo keessatti ani Waaqayyotti nan iyyadhe;
innis deebii naa kenne; iddoo balʼaas na qubachiise.
6 Waaqayyo na wajjin jira; ani hin sodaadhu;
namni maal na gochuu dandaʼa?
7 Waaqayyo na wajjin jira; inni gargaaraa koo ti.
Anis diinota koo nan moʼadha.
 
8 Nama amanachuu irra,
Waaqayyotti kooluu galuu wayya.
9 Qondaaltota amanachuu irra,
Waaqayyotti kooluu galuu wayya.
 
10 Saboonni hundinuu na marsan;
ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
11 Isaan karaa hundaan na marsan;
ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
12 Akkuma tuuta kanniisaa na marsan;
garuu akka qoraattii gubatuutti barbadaaʼan;
anis maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
 
13 Ani dhiibamee kufuu gaʼeen ture;
Waaqayyo garuu na gargaare.
14 Waaqayyo jabina kootii fi faarfannaa koo ti;
inni fayyina koo taʼeera.
 
15 Sagaleen gammachuutii fi moʼannaa dunkaanota
qajeeltotaa keessaa ni dhagaʼama;
“Harki Waaqayyoo kan mirgaa waan jabaa hojjeteera!
16 Harki Waaqayyo mirgaa ol qabameera;
harki Waaqayyoo mirgaa waan jabaa hojjeteera!”
 
17 Ani nan jiraadha malee hin duʼu;
waan Waaqayyo hojjetes nan labsa.
18 Waaqayyo jabeessee na adabeera;
garuu dabarsee duʼatti na hin kennine.
 
19 Karra qajeelummaa naa banaa;
anis ol galee Waaqayyoof galata nan galcha.
20 Kun karra Waaqayyoo,
kan qajeeltonni ittiin ol galanii dha.
21 Ati deebii naa kenniteertaatii, ani sin galateeffadha;
ati fayyina naa taateerta.
 
22 Dhagaan ijaartonni tuffatan,
dhagaa golee taʼeera;
23 Waaqayyo waan kana hojjeteera;
kunis ija keenyatti dinqii dha.
24 Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo uumee dha;
kottaa ni ililchina; itti gammannas.
 
25 Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu oolchi;
Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu milkoomsi.
26 Kan maqaa Waaqayyootiin dhufu eebbifamaa dha.
Nu mana Waaqayyoo keessaa isin eebbifna.
27 Waaqayyo Waaqa;
ifa isaas nuu irratti ibseera.
Dameewwan harkatti qabadhaatii
warra ayyaaneffachuu dhaqanitti makamaa;
gara gaanfawwan iddoo aarsaas dhaqaa.
 
28 Ati Waaqa koo ti; ani sin galateeffadha;
ati Waaqa koo ti; anis sin leellisa.
 
29 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;
jaalalli isaa bara baraan jiraata.

<- Faarfannaa 117Faarfannaa 119 ->