7 Garuu waan na fayyadaa ture amma Kiristoosiif jedhee akka waan gatii hin qabneetti nan ilaala. 8 Dhugumaanuu sababii Gooftaa koo Kiristoos Yesuus isa waan hundumaa caalu sana beekuutiif ani waan hundumaa akka waan gatii hin qabneetti nan ilaala. Ani isaaf jedhee waan hundumaa dhabeera; Kiristoosin argachuufis waan hundumaa akka kosiitti nan ilaala; 9 kunis qajeelummaa mataa koo kan seera eeguun argamu utuu hin taʼin qajeelummaa Kiristoositti amanuun argamu jechuunis akka ani qajeelummaa Waaqa biraa amantiidhaan dhufu qabaadhee isa keessa jiraadhuuf. 10 Ani Kiristoosii fi humna duʼaa kaʼuu isaa beekuu, dhiphina isaa keessatti hirmaachuu fi duʼa isaatiinis isa fakkaachuu nan barbaada; 11 akkasiinis ani duʼaa kaʼuu warra duʼanii argachuu nan dandaʼa.
15 Nu warri bilchaatoon hundinuu waan akkanaa haa yaadnu. Yoo waan tokko tokko irratti yaada garaa garaa qabaattan garuu kanas Waaqni isinii ibsa. 16 Taʼus waanuma kanaan dura irra geenye sanaan haa jiraannu.
17 Yaa obboloota, fakkeenya koo duukaa buʼuudhaan warra kaaniin tokko taʼaa; warra fakkeenya nu isinii kennineen jiraatanis hubadhaa. 18 Akkuma ani yeroo hedduu isinitti himee fi akkuma ani amma illee imimmaaniin iyyuu isinitti himu, namoonni baayʼeen diinota fannoo Kiristoos taʼanii jiraatuutii. 19 Dhumni isaanii badiisa; Waaqni isaanii garaa isaanii ti; ulfinni isaanii salphina isaaniitiin. Yaadni isaaniis waanuma lafaa irratti hundeeffama. 20 Nu garuu biyyi keenya samii irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Yesuus Kiristoos eegganna; 21 innis humna waan hunda of jala galfachuu isa dandeessisu sanaan akka dhagni keenya inni dadhabaan dhagna isaa ulfina qabeessa sana fakkaatuuf dhagna keenya ni geeddara.
<- Fiiliphisiyuus 2Fiiliphisiyuus 4 ->