16 “ ‘Lubichis ishee fidee fuula Waaqayyoo dura ishee haa dhaabu. 17 Ergasii inni bishaan qulqulluu okkotee supheetti haa naqu; lafa dunkaana qulqulluu irraa biyyoo fuudhee bishaan sana keessa haa buusu. 18 Lubichis erga dubartii sana fuula Waaqayyoo dura dhaabee booddee rifeensa mataa ishee hiikee kennaa yaadannoo jechuunis kennaa midhaanii kan hinaaffaaf dhiʼeeffamu sana harka ishee keessa kaaʼa; bishaan hadhaaʼaa abaarsa fidu sanas harka ofiitti qabata. 19 Lubichis dubartii sana ni kakachiisa; akkanas jedhaan; “Yoo utuu ati dhirsa qabduu namni biraa si wajjin hin ciisinii fi yoo ati karaa irraa baddee hin xuraaʼin bishaan hadhaaʼaan abaarsa fidu kun si hin miidhin. 20 Garuu ati yoo karaa irraa baddee utuu dhirsa qabduu nama dhirsa kee hin taʼin wajjin ciiftee of xureessitee argamte;” 21 kana irratti lubichi kakaa abaarsaa ishee kakachiisa; akkanas jedhaan; “Waaqayyo gudeeda kee tortorsee garaa kee illee bokoksee saba kee gidduutti kakaa fi abaarsaaf si haa godhu. 22 Akka garaan kee bokokuu fi akka gudeedni kee tortoruuf bishaan abaarsa fidu kun dhagna kee haa seenu.”
23 “ ‘Lubichis abaarsawwan sana kitaaba maramaa irratti haa barreessu; ergasiis bishaan hadhaaʼaa sanatti irraa haa dhiqu. 24 Innis akka dubartiin sun bishaan hadhaaʼaa abaarsa fidu sana dhugdu haa godhu; bishaan abaarsaa fi dhiphina hamaa fidu sunis ishee seena. 25 Lubichis kennaa midhaanii kan hinaaffaa sana ishee harkaa fuudhee fuula Waaqayyoo duratti sochoosee gara iddoo aarsaa fida. 26 Lubni sunis kennaa midhaanii sana irraa konyee tokko kennaa yaadannootiif fuudhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; ergasiis akka dubartiin sun bishaan sana dhugdu haa godhu. 27 Yoo isheen of xureessitee dhirsa isheetiif amanamuu baatte, yommuu isheen bishaan abaarsa fidu sana dhugdutti bishaan sun ishee seenee dhiphina hamaa isheetti fida; garaan ishee ni bokoka; gudeedni ishee ni tortora; isheenis saba ishee biratti abaaramtuu taati. 28 Garuu yoo dubartiin sun of xureessuu baattee fi yoo qulqulluu taate isheen yakka irraa bilisa taati; daʼuus ni dandeessi.
29 “ ‘Yoo dubartiin utuma dhirsa qabduu karaa irraa gortee of xureessite 30 yookaan yoo dhiirri sababii niitii ofii shakkuuf hafuurri hinaaffaa isa qabate, seerri hinaaffaaf kenname kanaa dha. Lubichi dubartii sana fuula Waaqayyoo dura dhaabee seera kana hunda ishee irratti haa raawwatu. 31 Dhirsi sun balleessaa irraa bilisa taʼa; dubartiin sun garuu gatii cubbuu ishee argatti.’ ”
<- Lakkoobsa 4Lakkoobsa 6 ->- a Iifiin tokko kiiloo giraamii 1.6.