9 “Namni qulqulluun tokko daaraa goromsa sanaa walitti haree qubata keessaa baasee iddoo seeraan qulqulluu taʼe tokko haa kaaʼu. Daaraa kanas waldaan Israaʼel bishaan ittiin qulqulleessan wajjin itti fayyadamuudhaaf ol kaaʼata; innis cubbuu irraa qulqulleeffamuuf fayyada. 10 Namni daaraa goromsa sanaa walitti haru sunis wayyaa ofii isaa miiccachuu qaba; innis akkasuma hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Kunis Israaʼelootaa fi alagoota gidduu isaanii jiraataniif seera bara baraa taʼa.
11 “Namni reeffa nama kamii iyyuu tuqu bultii torba xuraaʼaa taʼa. 12 Inni guyyaa sadaffaa fi guyyaa torbaffaatti bishaaniin of qulqulleessuu qaba; ergasii qulqulluu taʼa. Garuu yoo guyyaa sadaffaa fi torbaffaatti of qulqulleessuu baate inni hin qulqullaaʼu. 13 Namni reeffa nama kamii iyyuu tuqee of hin qulqulleessin hundi dunkaana Waaqayyoo qulqullicha sana xureessa. Namni sun saba Israaʼel keessaa ni balleeffama. Sababii bishaan ittiin qulqulleessan isatti hin facaafaminiif inni xuraaʼaa dha; xuraaʼummaan isaas isuma irratti hafa.
14 “Yeroo namni tokko dunkaana keessatti duʼutti seerri kana: Namni dunkaana sana seenu hundii fi namni dunkaana keessa jiru hundi bultii torbaaf xuraaʼaa taʼa; 15 qodaan afaan banaa kan qadaadni jabeeffamee itti hin qadaadamin hundi xuraaʼaa taʼa.
16 “Namni alatti nama goraadeedhaan ajjeefame yookaan nama ofumaan duʼe tuqu kam iyyuu yookaan namni lafee namaa yookaan awwaala tuqu kam iyyuu bultii torbaaf xuraaʼaa taʼa.
17 “Nama xuraaʼaaf aarsaa ittiin qulqulleessuuf gubame sana irraa daaraa xinnaa isaa fuudhii okkotee tokkotti naqiitii bishaan yaaʼu itti dhangalaasi. 18 Ergasiis namni akka seeraatti qulqulluu taʼe hiisophii xinnaa isaa fuudhee bishaan sana keessa cuuphee dunkaanaa fi miʼa isaa hundatti, namoota achi turanittis haa faffacaasu. Akkasumas nama lafee namaa yookaan awwaala yookaan nama ajjeefame yookaan nama ofumaan duʼe tuqetti haa faffacaasu. 19 Namichi qulqulluun sun guyyaa sadaffaa fi torbaffaatti namicha xuraaʼaa sanatti haa faffacaasu; guyyaa torbaffaatti immoo isa qulqulleessuu qaba. Namichi qulqulleefamu sun wayyaa ofii isaa miiccachuu, dhagna ofii isaas bishaaniin dhiqachuu qaba; innis galgala sana qulqulluu taʼa. 20 Garuu namni xuraaʼaan yoo of qulqulleessuu baate, inni sababii iddoo qulqulluu Waaqayyo xureesseef waldaa keessaa ni balleeffama. Bishaan ittiin qulqulleessan sun isatti hin facaafamneetii inni xuraaʼaa dha. 21 Kun isaaniif seera bara baraa ti.