6 Ani garuu sababii bara Arxeksis mooticha Baabilon keessa waggaa soddomii lammaffaatti gara mootichaa dhaqee tureef yeroo wanni kun hundi taʼetti Yerusaalem keessa hin turre. Anis yeroo gabaabaa booddee isa irraa eeyyama fudhadhee 7 Yerusaalemitti nan deebiʼe. Akka Eliyaashiib oobdii mana Waaqaa keessatti Xoobbiyaadhaaf kutaa tokko kennuun waan hamaa hojjete nan beeke. 8 Anis akka malee aareen miʼa manaa kan Xoobbiyaa hunda kutaa sana keessaa gad nan dadarbadhe. 9 Ani ergasii akka kutaawwan sun qulqulleeffaman nan ajaje; isaanis ni qulqulleessan; ani immoo miʼa mana Waaqaa, kennaa midhaaniitii fi ixaana wajjin deebisee itti galche.
10 Ani akka qoodni Lewwotaaf ramadame sun isaaniif hin kennaminis nan hubadhe; akkasumas akka Lewwonnii fi faarfattoonni tajaajila sanatti itti gaafatamtoota turan hundi gara lafa qotiisaa ofii isaaniitti deebiʼan nan beeke. 11 Kanaafuu ani qondaaltota ifadheen, “Manni Waaqaa maaliif dagatama?” jedheen isaan gaafadhe. Ergasiis ani walitti isaan qabee iddoo isaaniitti isaan nan deebise.
12 Yihuudaan hundi midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii harka kudhan keessaa tokko fidanii mankuusaaleetti galchan. 13 Anis Shelemiyaa lubicha, Zaadoq barreessichaa fi Lewwicha Phedaayaa jedhamu tokko itti gaafatamtoota mankuusaalee godheen muude; akkasumas sababii isaan amanamoo taʼaniif Haanaan ilma Zakuur, ilma Mataaniyaa sana gargaaraa isaanii nan godhe. Hojiin isaaniis obboloota isaaniitiif nyaata hiruu ture.
14 Yaa Waaqa ko, waan kanaaf jedhii na yaadadhu; hojii gaarii ani mana Waaqa kootii fi tajaajila isaatiif hojjedhes na duraa hin balleessin.
15 Ani bara sana Yihuudaa keessatti namoota guyyaa Sanbataatiin iddoo wayiniin itti cuunfamutti wayinii dhidhiitanii midhaan fidanii, daadhii wayinii, ija wayinii, ija harbuutii fi feʼiisa gosa biraa hunda wajjin harrootatti feʼan nan arge. Isaanis waan kana hunda guyyaa Sanbataatiin Yerusaalemitti fidan. Kanaafuu ani akka isaan guyyaa sana nyaata hin gurgurre isaan nan seere. 16 Namoonni Xiiroos warri Yerusaalem keessa jiraatan qurxummii fi miʼa daldalaa kanneen gosa hundaa itti fidanii guyyaa Sanbataatiin Yerusaalem keessatti warra Yihuudaatti gurguraa turan. 17 Ani immoo akkana jedheen namoota Yihuudaa bebeekamoo nan ifadhe; “Wanni hamaan isin guyyaa Sanbataa xureessuudhaan hojjettan kun maal? 18 Abbootiin keessan iyyuu waanuma kana hojjetanii akkasiin Waaqni badiisa kana hunda nuttii fi magaalaa kanatti fide mitii? Isin amma kunoo Sanbata xureessuudhaan dheekkamsa hammas iyyuu caalu Israaʼelitti fidaa jirtu.”
19 Anis yeroo gaaddisni galgalaa Sanbataan dura karrawwan Yerusaalem irra buʼetti akka balbalawwan cufamanii hamma Sanbanni darbutti hin banamne nan ajaje. Akka feʼiisni tokko illee guyyaa Sanbataatiin ol hin galfamneefis namoota koo tokko tokko karrawwan irra nan dhaabe. 20 Daldaltoonnii fi gurgurtoonni miʼoota gosa hundaa yeroo tokko yookaan yeroo lama Yerusaalemiin ala bulaniiru. 21 Ani garuu, “Isin maaliif dallaa jala bultu? Yoo isin itti deebitanii akkas gootan ani humnaan isinitti nan dhufa” jedheen isaan nan seere. Gaafasii jalqabanii isaan lammata guyyaa Sanbataatiin hin dhufne. 22 Ani akka Lewwonni of qulqulleessanii qulqullummaa guyyaa Sanbataa eeguuf dhaqanii karrawwan eegan nan ajaje.