1 Gidduu sana tuunni biraa guddaan isaa ammas walitti qabame. Yesuusis sababii tuunni sun waan nyaatu hin qabaatiniif barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; 2 “Sababii isaan guyyaa sadii na bira turanii waan nyaatan tokko illee hin qabneef, ani namoota kanneeniif garaa nan laafa. 3 Yoo ani agabuu isaanii gad isaan dhiise, isaan karaa irratti ni gaggabu; isaan keessaa tokko tokko fagoodhaa dhufaniitii.”
4 Barattoonni isaas deebisanii, “Namni kam iyyuu gammoojjii kana keessatti buddeena isaan gaʼu eessaa argachuu dandaʼa?” jedhan.
5 Yesuus immoo, “Isin buddeena meeqa qabdu?” jedhee gaafate.
6 Innis akka namoonni sun lafa tataaʼan itti hime. Buddeena torban fuudhee erga galateeffatee booddee kukkutee akka isaan namootaaf dhiʼeessaniif barattoota isaatti kenne; isaanis namootaaf dhiʼeessan. 7 Akkasumas qurxummii xixinnoo muraasa qabu turan; qurxummii sanas eebbisee akka isaan namootaaf hiraniif barattoota isaatti hime. 8 Namoonnis nyaatanii quufan. Ergasiis barattoonni hambaa gundoo torba guutuu walitti qaban. 9 Isaanis gara nama kuma afurii turan. Innis erga of irraa isaan geggeessee booddee, 10 barattoota isaa wajjin yommusuma bidiruu yaabbatee biyya Daalmaanutaa dhaqe.
11 Fariisonnis dhufanii Yesuusitti falmuu jalqaban; isa qoruuf jedhaniis mallattoo samii irraa isa irraa barbaadan. 12 Innis hafuura dheeraa baafatee, “Dhaloonni kun maaliif mallattoo barbaada? Ani dhuguma isinitti hima; mallattoon tokko iyyuu dhaloota kanaaf hin kennamu” jedheen. 13 Innis isaan dhiisee bidiruutti deebiʼee gama ceʼe.
16 Isaanis, “Kun sababii nu buddeena hin qabneef” jedhanii walii wajjin haasaʼan.
17 Yesuusis waan isaan haasaʼan beekee akkana jedhee isaan gaafate; “Isin maaliif waaʼee buddeena dhabuu keessanii dudubbattu? Isin amma iyyuu hin argitanii? Yookaan hin hubattanii? Mataa jabaattanii? 18 Isin utuma ija qabdanuu hin argitanii? Utuma gurra qabdanuus hin dhageessanii? Hin yaadattanii? 19 Yeroo ani buddeena shanan sana nama kuma shaniif caccabsetti isin hurraaʼaa gundoo meeqa guutuu kaaftan?”
20 Innis, “Yeroo ani buddeena torba nama kuma afuriif caccabsetti hambaa gundoo meeqa guutuu walitti qabdan?” jedhee gaafate.
21 Innis, “Isin amma iyyuu hin hubattanii?” jedheen.
24 Namichis ol ilaalee, “Namoota nan arga; isaan muka deemu natti fakkaatu” jedhe.
25 Yesuus amma illee harka isaa ija namichaa irra kaaʼe. Iji namichaas ni baname; agartuun isaa ni deebiʼeef; waan hundas sirriitti arge. 26 Yesuusis namichaan, “Gara ganda sanaa seentee waan kana nama tokkotti illee hin himin” jedhee gara mana isaatti isa erge.
27 Yesuusii fi barattoonni isaa gara gandoota naannoo Fiiliphoos Qiisaariyaa jiraniitti darban. Innis, “Namoonni anaan eenyu jedhu?” jedhee karaa irratti isaan gaafate.
28 Isaanis, “Namoonni tokko tokko, ‘Inni Yohannis Cuuphaa dha’ jedhu; warri kaan, ‘inni Eeliyaas’ jedhu; kaan immoo, ‘inni raajota keessaa isa tokkoo dha’ jedhu” jedhanii deebisan.
29 Innis, “Isin eenyu anaan jettu?” jedhee gaafate.
30 Yesuusis akka isaan waaʼee isaa nama tokkotti illee hin himneef isaan akeekkachiise.
31 Yesuusis akka Ilmi Namaa waan hedduun dhiphachuu qabu, akka maanguddootaan, luboota hangafootaa fi barsiistota seeraatiin tuffatamuu qabuu fi akka ajjeefamuu qabu, guyyaa sadii booddee immoo akka duʼaa kaʼu isaan barsiisuu jalqabe. 32 Innis waaʼee kanaa ifatti baasee dubbate; Phexrosis kophaatti baasee isa ifachuu jalqabe.
33 Yesuus garuu of irra garagalee barattoota isaa ilaale; Phexrosiinis, “Seexana nana! Na duubatti deebiʼi! Ati kan namaa yaadda malee kan Waaqaa hin yaadduutii” jedhee ifate.