6
Waaqayyo Israaʼel Irraa Dubbii Qaba
1 Waan Waaqayyo jedhu dhaggeeffadhaa:
“Ol kakkaʼaatii fuula tulluuwwanii duratti dubbii keessan dhiʼeeffadhaa;
gaarranis waan isin jettan haa dhagaʼan.
2 “Yaa tulluuwwan himata Waaqayyoo dhagaʼaa;
hundeewwan lafaa kanneen bara baraa isinis dhaggeeffadhaa.
Waaqayyo saba isaa irraa dubbii qabaatii;
inni Israaʼel wajjin falmii qaba.
3 “Yaa saba ko, ani maalan si godhe?
Ani maaliinan si dadhabsiise? Mee deebii naaf kenni.
4 Ani biyya Gibxii sin baasee
biyya garbummaa keessaa sin fure.
Ani akka inni si qajeelchuuf Musee,
akkasumas Aroonii fi Miiriyaamin siifan erge.
5 Yaa saba ko, mee gorsa Baalaaq mootiin Moʼaab gaafatee fi
deebii Balaʼaam ilmi Beʼoor kenneef yaadadhu.
Ati akka hojii qajeelummaa Waaqayyoo beektuuf
karaa ati Shixiimii hamma Gilgaalitti deemte sana yaadadhu.”
6 Ani maaliinan fuula Waaqayyoo dura dhufee
fuula Waaqa ol gubbaa jiruu duratti sagada?
Ani aarsaa gubamuun,
jabbii waggaa tokkootiin fuula isaa duratti dhiʼaadhuu?
7 Waaqayyo korbeeyyii hoolaa kuma hedduutti,
zayitii laga kuma kudhaniitti ni gammadaa?
Ani ilma koo hangafa, sababii yakka kootiitiif,
sababii cubbuu lubbuu kootiitiifis dhala garaa koo aarsaa dhiʼeessuu?
8 Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera.
Waaqayyo maal sirraa barbaada?
Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu,
akka ati gad of qabdee Waaqa kee wajjin deemtu
sirraa barbaada mitii?
sirraa barbaada mitii?
Yakkaa fi Adabamuu Israaʼel
9 Isin dhaggeeffadhaa! Waaqayyo akkana jedhee magaalattii waama:
Maqaa kee sodaachuun ogummaa dha;
“Ulee fi Isa ulee sana filate qalbeeffadhaa.
10 Yaa mana hamaa, ani qabeenya isin dabaan argattanii fi
madaalii sobaa abaaramaa sana irraanfadhaa?
11 Ani nama madaallii sobaatiin hojjetuu fi
kan madaalii sobaa korojootti baatu akkasumatti dhiisaa?
12 Sooreyyiin ishee jalʼoota;
uummanni ishee sobdoota;
arrabni isaaniis gowwoomsaa dubbata.
13 Kanaafuu ani sababii cubbuu keessaniitiif isin diigee,
isin balleessuu jalqabeera.
14 Ati inuma nyaatta; garuu hin quuftu;
garaan kee amma illee duwwaa dha.
Ati ni kaaʼatta; garuu homaa siif hin kuufamu;
waan ati kuufattu sana ani goraadeetti kennaatii.
15 Ati ni facaafatta; garuu hin haammattu;
ejersa ni cuunfatta; garuu zayitii isaa hin dibattu;
ija wayinii ni cuunfatta; garuu daadhii wayinii hin dhugdu.
16 Ati sirna Omriitii fi
hojii mana Ahaab hunda jabeessiteerta;
gorsa isaaniis duukaa buuteerta.
Kanaafuu ani si balleessee,
uummata kee nan salphisa;