1 Ergasii Yesuus akka diiyaabiloosiin qoramuuf Hafuuraan gammoojjiitti geeffame. 2 Innis erga guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama soomee booddee ni beelaʼe. 3 Inni nama qoru sun gara isaa dhufee, “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, akka dhagoonni kunneen buddeena taʼan ajaji” jedheen.
4 Yesuus immoo deebisee, “ ‘Namni dubbii afaan Waaqayyootii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu’[a]jedhamee barreeffameera” jedheen.
5 Ergasii diiyaabiloos gara magaalaa qulqulluutti isa geessee fiixee mana qulqullummaa irra dhaabachiise. 6 Akkanas jedheen; “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, gad of darbadhu. Akkana jedhamee barreeffameeraatii:
7 Yesuus immoo deebisee, “ ‘Waaqa kee Goofticha hin qorin’[c]jedhamee barreeffameera” jedheen.
8 Ammas diiyaabiloos tulluu akka malee ol dheeraa tokkotti ol isa baasee mootummoota addunyaa hundaa fi ulfina isaanii isatti argisiise. 9 Akkanas jedheen; “Yoo ati gad jettee naaf sagadde, waan kana hundumaa siifin kenna.”
10 Yesuusis, “Seexana nana, narraa fagaadhu! ‘Waaqa kee Gooftichaaf sagadi; isuma qofa tajaajili’[d]jedhamee barreeffameeraatii” jedheen.
11 Diiyaabiloosis isa dhiisee deeme; ergamoonni immoo dhufanii isa tajaajilan.
17 Yesuus yeroo sanaa jalqabee, “Mootummaan samii dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa” jedhee lallabuutti kaʼe.
18 Yesuus utuu qarqara Galaana Galiilaa irra deemaa jiruu, obboloota lama jechuunis Simoon isa Phexros jedhamuu fi obboleessa isaa Indiriiyaasin arge. Isaanis qurxummii qabdoota waan taʼaniif kiyyoo galaanatti darbachaa turan. 19 Yesuusis, “Kottaa, na duukaa buʼaa; anis akka isin qabduu namootaa taataniif isin nan erga” jedheen. 20 Isaanis yommusuma kiyyoo isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.
21 Innis utuu achii kaʼee deemuu obboloota gara biraa lama jechuunis Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannisin arge. Isaanis abbaa isaanii Zabdewoos wajjin kiyyoo isaanii qopheeffachaa bidiruu keessa turan. Yesuusis isaan waame; 22 isaanis yommusuma bidiruu sanaa fi abbaa isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.