20 Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, ergamaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; “Yaa Yoosef ilma Daawit, kaadhimni kee Maariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin. 21 Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Yesuus jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii.”
22 Kun hundinuu akka wanni Gooftaan karaa raajichaatiin dubbate sun raawwatamuuf taʼe. 23 Innis, “Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu”[a] jedha. Amaanuʼel jechuunis, “Waaqni nu wajjin jira” jechuu dha.
24 Yoosefis hirribaa dammaqee akkuma ergamaan Gooftaa isa ajajetti Maariyaamin niitummaadhaan mana isaatti fudhate. 25 Garuu inni hamma isheen ilma deessutti ishee bira hin geenye. Maqaa isaas, “Yesuus” jedhee moggaase.