1 Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus lafa qotiisaa midhaanii keessa darbaa ture; barattoonni isaas asheetii midhaanii ciratanii harka isaaniitiin sukkuummatanii nyaachuu jalqaban. 2 Fariisota keessaas tokko tokko, “Isin maaliif waan Sanbataan hojjechuun hin eeyyamamne hojjettu?” jedhanii gaafatan.
3 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Isin waan Daawit yeroo innii fi miiltonni isaa beelaʼanitti godhe sana takkumaa hin dubbifnee? 4 Inni mana Waaqaa seenee buddeena qulqulleeffame*Buddeena kudha lamaan guyyaa Sanbataa mana Waaqaa keessa minjaala warqee dibame irra kaaʼamuu dha. Buddeenni kun achitti Gooftaaf dhiʼeeffama. Sanbata itti aanutti immoo lubootaaf kennama. Luboonnis iddoo qulqulluu tokkotti nyaachuu qabu.kan luboota qofaaf eeyyamame fudhatee nyaate. Warra isa wajjin jiraniifis kenne.” 5 Yesuusis, “Ilmi Namaa Gooftaa Sanbataa ti” isaaniin jedhe.
6 Sanbata biraas inni mana sagadaa seenee barsiisaa ture; namichi harki isaa mirgaa irratti goge tokkos achi ture. 7 Fariisonnii fi barsiistonni seeraa Yesuusin himachuuf jedhanii sababa barbaadaa turan; kanaafuu akka inni Sanbataan nama fayyisu ilaaluuf isa gaadan. 8 Yesuus garuu waan isaan yaadan beekee namicha harki irratti goge sanaan, “Kaʼii fuula nama hundaa dura dhaabadhu” jedhe. Innis kaʼee achi dhaabate.
9 Yesuusis, “Anis isinan gaafadha; Sanbataan isa kamtu eeyyamamaa dha? Waan gaarii hojjechuu moo waan hamaa hojjechuu? Lubbuu oolchuu moo balleessuu?” isaaniin jedhe.
10 Gara galees hunda isaanii ilaalee namichaan, “Harka kee diriirfadhu” jedhe. Innis akkasuma godhe; harki isaas guutumaan guutuutti fayye. 11 Fariisonnii fi barsiistonni seeraa garuu akka malee aaranii Yesuusin maal gochuu akka dandaʼan waliin mariʼachuu jalqaban.
12 Yesuusis guyyoota sana keessaa gaaf tokko kadhannaadhaaf tulluutti ol baʼe; halkan guutuus Waaqa kadhachaa bule. 13 Innis yommuu lafti bariʼetti barattoota isaa ofitti waamee nama kudha lama isaan keessaa filate; ergamoota jedhees isaan moggaase.
17 Innis isaan wajjin gad buʼee iddoo diriiraa tokko irra dhaabate. Tuunni barattoota isaa guddaanis achi ture; namoonni Yihuudaa hunda keessaa, Yerusaalem keessaa, biyya qarqara galaanaa kan naannoo Xiiroosii fi Siidoonaatii dhufan baayʼeen, 18 warri isa dhagaʼuu fi dhukkuba isaanii irraa fayyuuf dhufanis achi turan. Warri hafuurota xuraaʼoon dhiphachaa turanis ni fayyan; 19 sababii humni isa keessaa baʼee hunduma isaanii fayyisaa tureef, namoonni hundinuu isa tuquuf carraaqaa turan.
20 Innis barattoota isaa ilaalee akkana jedhe:
23 “Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef gaafa sana ililchaatii gammachuudhaan buburraaqaa. Abbootiin isaanii iyyuu akkasuma raajota godhaniitii.
27 “Ani garuu isin warra na dhageessanitti nan hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin jibbaniif waan gaarii hojjedhaa; 28 warra isin abaaran eebbisaa; warra isin miidhaniifis kadhadhaa. 29 Yoo namni tokko maddii tokko si kabale, maddii kaanis itti qabi. Yoo namni tokko kootii kee sirraa baafate immoo, kittaa kee illee hin dhowwatin. 30 Nama si kadhatu hundumaaf kenni; yoo namni kam iyyuu waan kan kee taʼe fudhate, akka wanni sun siif deebifamu hin gaafatin. 31 Isinis akkuma namoonni kaan akka isiniif godhan barbaaddan sana isaaniif godhaa.
32 “Isin warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan, kun galata maalii isinii qaba? Cubbamoonni iyyuu warra isaan jaallatan ni jaallatuutii. 33 Isin yoo warra waan gaarii isinii godhaniif waan gaarii gootan, kun galata maalii isiniif qaba? Kana immoo cubbamoonni iyyuu ni godhuutii. 34 Warruma akka isiniif deebisan abdattaniif yoo liqeessitan galata maalii argattu? ‘Cubbamoonni iyyuu’ hammuma liqeessan sana deebisanii argachuuf jedhanii cubbamootaaf ni liqeessuutii. 35 Isin garuu diinota keessan jaalladhaa; waan gaariis isaaniif hojjedhaa; utuu waan isinii deebiʼu tokko illee hin abdatin isaaniif liqeessaa. Yoos gatiin keessan guddaa ni taʼa; isinis ijoollee Waaqa Waan Hundaa Olii ni taatu; inni warra hin galateeffannee fi hamootaaf illee arjaadhaatii. 36 Akkuma abbaan keessan araara qabeessa taʼe sana, isinis araara qabeeyyii taʼaa.
37 “Namatti hin murinaa; isinittis hin muramuutii. Nama hin yakkinaa; isinis hin yakkamtanii. Dhiifamas godhaa; dhiifamni isinii godhamaatii. 38 Kennaa; isiniifis ni kennamaa. Safartuun gaariin itti hudumame, kan sochoofamee fi guutamee irra dhangalaʼe bobaa keessanitti isinii naqama. Safartuu ittiin safartaniinis isiniif safaramaatii.”
39 Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; “Jaamaan tokko jaamaa qajeelchuu ni dandaʼaa? Isaan lachuu boolla keessa hin buʼanii? 40 Barataan barsiisaa isaatii ol miti; namni guutumaan guutuutti leenjifame hundinuu garuu akka barsiisaa isaa ni taʼa.
41 “Ati maaliif jirma ija kee keessa jiru arguu dhiiftee huuba ija obboleessa keetii keessa jiru ilaalta? 42 Ati utuu ofii keetii jirma ija kee keessa jiru arguu hin dandaʼin, akkamitti obboleessa keetiin, ‘Obboleessaa, kottu mee ani huuba ija kee keessa jiru siif nan baasa’ jechuu dandeessa? Fakkeessituu nana, duraan dursiitii jirma ija kee keessa jiru baafadhu; ergasiis huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasuudhaaf sirriitti argita.
43 “Mukni gaariin ija gadhee naqatu tokko iyyuu hin jiru; mukni gadheenis ija gaarii hin naqatu. 44 Tokkoon tokkoon mukaa ija isaatiin beekama. Namoonni muka qoraattii irraa harbuu, yookaan sokorruu irraa wayinii hin ciran. 45 Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan hamaa baasa. Waan garaa guute afaan dubbataatii.
46 “Isin waan ani jedhu hin hojjettan; yoos maaliif, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jettu? 47 Namni gara koo dhufu, kan dubbii koo dhagaʼee hojiidhaan argisiisu hundi maal akka fakkaatu ani isinitti nan argisiisa. 48 Isaan nama mana ijaaru, kan boolla gad fageessee qotee hundee mana sanaa kattaa irra dhaabe tokko fakkaatu. Sababii manichi sirriitti ijaarameef, lolaan yeroo lolaʼee humnaan itti buʼetti mana sana sochoosuu hin dandeenye. 49 Namni dubbii koo dhagaʼee hojiidhaan hin argisiifne garuu nama lafa irratti mana hundee hin qabne ijaarratu tokko fakkaata. Yeroo lolaan humnaan itti buʼetti manni sun ni jige; guutumaan guutuuttis diigame.”
<- Luqaas 5Luqaas 7 ->- a Buddeena kudha lamaan guyyaa Sanbataa mana Waaqaa keessa minjaala warqee dibame irra kaaʼamuu dha. Buddeenni kun achitti Gooftaaf dhiʼeeffama. Sanbata itti aanutti immoo lubootaaf kennama. Luboonnis iddoo qulqulluu tokkotti nyaachuu qabu.