1 Guyyaa jalqaba torban sanaa ganama barii, dubartoonni sun urgooftuu qopheessan sana fudhatanii gara awwaalaa dhaqan. 2 Isaanis dhagaa sana balbala awwaalaa irraa gara galfamee argan; 3 yommuu seenanitti garuu reeffa Gooftaa Yesuus hin arganne. 4 Utuma isaan waaʼee kanaa dinqisiifachaa jiranuu, namoonni uffata caccalaqqisaa uffatan lama isaan bira dhadhaabatan. 5 Dubartoonni sunis sodaatanii mataa buusanii lafa ilaalan; namoonni sun garuu akkana isaaniin jedhan; “Isin maaliif warra duʼan keessa isa jiraataa barbaaddu? 6 Inni as hin jiru; kaʼeera! Waan inni yeroo isin wajjin Galiilaa turetti isinitti hime sana yaadadhaa. 7 ‘Ilmi Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama; ni fannifama; guyyaa sadaffaatti immoo ni kaafama’ jedhee tureetii.” 8 Dubartoonnis dubbii isaa yaadatan.
9 Isaanis yommuu iddoo awwaalaatii deebiʼanitti waan kana hunda barattoota kudha tokkottii fi namoota hafan hundatti himan. 10 Warri waan kana ergamootatti himanis Maariyaam ishee Magdalaa, Yohaanaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi dubartoota biraa warra isaan wajjin turanii dha. 11 Isaan garuu sababii dubbichi oduu sobaa itti fakkaateef dubartoota sana hin amanne. 12 Taʼus Phexros kaʼee gara awwaala sanaatti fiige. Yommuu gad jedhee ilaalettis huccuu quncee talbaa irraa hojjetame qofa arge; innis waan arge sana dinqifachaa deebiʼe.
17 Innis, “Wanni isin dudubbachaa deemtan kun maali?” jedhee isaan gaafate.
19 Innis, “Maal faatu taʼe?” jedhee gaafate.
25 Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin yaa warra hin hubannee fi warra waan raajonni dubbatan hunda amanuuttis mataa jabaattan! 26 Kiristoos[a]waan kana hundaan dhiphatee ergasii immoo ulfina isaatti galuu hin qabu turee?” 27 Innis Musee fi raajota hunda irraa jalqabee waan Katabbiiwwan Qulqulluu hunda keessatti waaʼee isaa dubbatame isaaniif ibse.
28 Yommuu ganda dhaqaa turan sanatti dhiʼaatanittis Yesuus waan darbee deemu of fakkeesse. 29 Isaan garuu, “Sababii galgalaaʼuu gaʼee fi dukkanaaʼaa jiruuf, nu bira buli” jedhanii jabeessanii isa kadhatan. Innis isaan bira buluuf gore.
30 Innis yommuu isaan wajjin maaddiitti dhiʼaatetti buddeena fuudhee, eebbisee, caccabsees isaaniif kenne. 31 Iji isaanii ni baname; isas ni beekan; innis ija isaanii duraa dhokate. 32 Isaanis, “Yeroo inni karaatti nu wajjin dubbachaa turee fi yeroo inni Katabbiiwwan Qulqulluu nuu ibsaa ture sana, garaan keenya nu keessatti bobaʼaa hin turree?” jedhanii wal gaafatan.
33 Yeruma sanas kaʼanii Yerusaalemitti deebiʼan; achitti immoo barattoota kudha tokkoo fi namoota isaan wajjin turan sana walitti qabamanii argan. 34 Warri walitti qabaman sunis, “Dhugumaan Gooftaan duʼaa kaʼeera; Simoonittis mulʼateera” jechaa turan. 35 Namoonni lamaan sunis waan karaa irratti taʼe hundumaa fi yeroo Yesuus buddeena caccabse sana akkamitti akka isa beekan odeessan.
37 Isaan garuu waan ekeraa argan seʼanii naʼan; ni sodaatanis. 38 Innis akkana isaaniin jedhe; “Maaliif sodaattu? Mamiinis maaliif garaa keessan keessatti uumama? 39 Akka anuma mataa koo taʼe mee harka koo fi miilla koo ilaalaa! Qaqqabadhaatii na ilaalaa; ekeraan foonii fi lafee hin qabu; ani garuu akkuma isin argitan kana foonii fi lafee qaba.”
40 Innis waan kana dubbatee harka isaatii fi miilla isaa isaanitti argisiise. 41 Utuma isaan sababii gammachuutii fi sababii dinqifannaatiif amma illee hin amanin, “Isin waan nyaatamu asii qabduu?” jedhee isaan gaafate. 42 Isaanis qurxummii waadame kennaniif; 43 innis fudhatee fuuluma isaanii duratti nyaate.
44 Innis, “Yeroo ani isin bira turetti, ‘Wanni seera Musee keessatti, kitaabota raajotaatii fi kitaaba faarfannaa keessatti waaʼee koo barreeffame hundi raawwatamuu qaba’ jedhee isinitti hime sun isa kana” jedheen.
45 Innis akka isaan Katabbiiwwan Qulqulluu hubataniif qalbii isaanii baneef. 46 Akkanas isaaniin jedhe; “Wanni barreeffame akkana jedha; ‘Kiristoos ni dhiphata; guyyaa sadaffaatti immoo warra duʼan keessaa ni kaʼa; 47 maqaa isaatiinis qalbii jijjiirrachuunii fi dhiifamni cubbuu Yerusaalemii jalqabee saba hundatti ni lallabama.’ 48 Isinis dhuga baatota waan kanaa ti. 49 Kunoo ani waan Abbaan koo waadaa isinii gale sana isiniif nan erga; isin garuu hamma olii humna uffattanitti magaalaa Yerusaalem keessa turaa.”
- a yookaan Masiihichi