4 Yoosefis manaa fi sanyii Daawit keessaa waan dhalateef magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessaatii kaʼee gara magaalaa Daawit ishee Yihuudaa keessaa kan Beetlihem jedhamtuutti ol baʼe. 5 Innis kaadhima isaa Maariyaam ishee ulfa turte sana wajjin galmeeffamuu dhaqe. 6 Utuma isaan achi jiranuus yeroon daʼumsa ishee gaʼe. 7 Isheenis ilma ishee isa hangafa deesse. Waan mana bultii keessummootaa keessa iddoon hin jiraatiniif huccuudhaan martee bidiruu keessa isa ciibsite.
13 Ergamaa sana wajjinis raayyaan samii irraa baayʼeen akkuma tasaa mulʼatanii Waaqa galateeffachaa akkana jedhan;
15 Erga Ergamoonni tiksoota dhiisanii gara samiitti ol baʼanii booddee tiksoonni sun, “Kottaa Beetlihemin dhaqnee waan taʼe kan Gooftaan nutti hime kana ilaalaa” waliin jedhan.
16 Isaanis dafanii dhaqanii Maariyaamii fi Yoosefin, daaʼima bidiruu keessa ciisus argan. 17 Yommuu isa arganitti waan waaʼee mucichaa isaanitti himame sana odeessan; 18 warri waan kana dhagaʼan hundinuu waan tiksoonni isaanitti himan sana ni dinqifatan. 19 Maariyaam garuu waan kana hunda garaatti qabattee itti yaadaa turte. 20 Tiksoonnis sababii waan dhagaʼanii fi arganiitiif Waaqaaf ulfina kennaa, isa jajachaas deebiʼan; wanni hundinuu akkuma isaanitti himame sana tureetii.
22 Akka Seera Museetti yeroon qulqullaaʼummaa isaanii geenyaan Yoosefii fi Maariyaam daaʼima sana Gooftaa duratti dhiʼeessuuf jedhanii isa fudhatanii Yerusaalemitti ol baʼan. 23 Akkuma Seera Gooftaa keessatti barreeffametti, “Dhiirri hangafni hundinuu gooftaaf ni qulqulleeffama.”*Bau 13:2,12 24 Isaanis akkuma Seerri Gooftaa jedhutti, “Gugee lama yookaan gugee sosookkee lama”†Lew 12:8 aarsaa dhiʼeessuu dhaqan.
25 Kunoo, namichi qajeelaan Waaqa sodaatu kan maqaan isaa Simiʼoon jedhamu tokko Yerusaalem keessa ture. Innis jajjabeeffama Israaʼel eeggachaa ture; Hafuurri Qulqulluunis isa irra ture. 26 Hafuurri Qulqulluunis akka inni utuu Kiristoos Goofticha hin argin hin duune isatti mulʼisee ture. 27 Innis Hafuuraan qajeelfamee mana qulqullummaa seene. Abbaa fi haati Yesuus yommuu akka duudhaa seerichaatti waan barbaachisu isaaf guutuuf jedhanii Yesuus mucicha baadhatanii ol seenanitti, 28 Simiʼoon fuudhee isa hammatee akkana jedhee Waaqa galateeffate:
33 Abbaa fi haati isaas waan waaʼee isaa dubbatame sana ni dinqifatan. 34 Simiʼoonis isaan eebbise; haadha daaʼima sanaa Maariyaamiinis akkana jedhe; “Daaʼimni kun Israaʼel keessatti kufaatiidhaa fi kaʼumsa namoota baayʼeetiif sababii, mormii isa irratti dubbatamuufis mallattoo akka taʼu murteeffameera; 35 kunis akka yaadni garaa namoota baayʼee ifatti baʼuuf. Goraadeen lubbuu kee ni waraana.”
36 Gosa Aasheer keessaas raajittii Haannaa jedhamtu tokkotu ture. Isheenis intala Faanuʼel turte; baayʼees jaartee turte; dhirsa ishee kan durbummaadhaan itti heerumte wajjin waggaa torba jiraatte; 37 isheenis hamma umuriin ishee waggaa 84 guuteetti haadha hiyyeessaa taatee jiraatte. Utuu mana qulqullummaatii hin dhabaminis soomaa fi kadhannaadhaan halkanii guyyaa waaqeffachaa turte. 38 Yeruma sanas isaanitti dhiʼaattee Waaqaaf galata galchite; warra furama Yerusaalem eeggachaa turan hundattis waaʼee daaʼima sanaa odeessite.
39 Yoosefii fi Maariyaamis waan seerri Gooftaa ajaju hunda raawwatanii gara Galiilaatti gara magaalaa isaanii Naazreetitti deebiʼan. 40 Mucichis guddatee jabaachaa deeme; ogummaadhaanis ni guutame; ayyaanni Waaqaas isa irra ture.
49 Innis deebisee, “Maaliif na barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kootti argamuu qabu hin beekne moo?” isaaniin jedhe. 50 Isaan garuu dubbii inni isaanitti dubbate hin hubanne.
51 Innis isaan wajjin Naazreetitti gad buʼe; isaaniifis ni ajajama ture. Haati isaa garuu waan kana hunda garaatti qabatte. 52 Yesuusis ogummaadhaan, hojjaa fi surraadhaan fuula Waaqaatii fi fuula namaa duratti guddachaa deeme.
<- Luqaas 1Luqaas 3 ->- a Bau 13:2,12
- b Lew 12:8
- c Ijoolleen dhiiraa Yihuudootaa yommuu umuriin isaanii waggaa kudha sadii guututti itti gaafatama ofii isaanii fudhatu. Taʼus yeroo sanaan dura utuu gargaarsa haadhaatii fi abbaa hin barbaadin ajajawwan tokko tokko eeguu qabu. Ajajawwan kanneen keessaas tokko waggaa waggaatti Yerusaalem dhaqanii waaqeffachuu dha.