Luqaas
1 Namoonni baayʼeen seenaa wantoota nu gidduutti raawwatame sanaa barreessuu yaalaniiru; 2 kunis akka warri jalqabaa kaasanii ijaan arganii fi tajaajiltoota dubbichaa turan sun nutti dabarsanii kennanitti. 3 Kanaafuu yaa Tewofilos kabajamaa, anis jalqabumaa kaasee waan hundumaa sirriitti ergan qoradhee booddee seenaa sana wal duraa duubaan siif barreessuun waan gaarii natti fakkaateera. 4 Kunis akka wanni ati baratte sun dhugaa taʼe akka beektuuf.
8 Zakkaariyaasis dabareen garee isaa geenyaan utuu fuula Waaqaa duratti tajaajila lubummaa isaa kennaa jiruu, 9 akkuma duudhaa lubummaatti akka mana qulqullummaa Gooftaa seenee ixaana aarsuuf ixaadhaan filatame. 10 Yeroo ixaanni aarfamuttis[a] namoonni baayʼeen alatti kadhachaa turan.
11 Ergamaan Gooftaas iddoo aarsaa ixaanaatiin mirga dhaabatee Zakkaariyaasitti mulʼate. 12 Zakkaariyaasis yommuu isa argetti ni rifate; sodaanis isa qabate. 13 Ergamaan sun garuu akkana isaan jedhe; “Yaa Zakkaariyaas, hin sodaatin; kadhannaan kee dhagaʼameera. Niitiin kee Elsaabeex ilma siif deessi; atis maqaa isaa Yohannis jedhii moggaasi. 14 Ati ilillee fi gammachuu ni qabaatta; namoonni baayʼeenis dhalachuu isaatti ni gammadu; 15 inni fuula Gooftaa duratti guddaa taʼaatii. Daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu gonkumaa dhuguu hin qabu;[b] utuma garaa haadha isaa keessa jiruus Hafuura Qulqulluudhaan ni guutama. 16 Saba Israaʼel keessaas namoota baayʼee gara Gooftaa, gara Waaqa isaaniitti ni deebisa. 17 Innis saba Gooftaaf qophaaʼe tokko kurfeessuuf jedhee garaa abbootii gara ijoollee isaaniitti, warra hin ajajamne immoo gara ogummaa qajeeltotaatti deebisuuf hafuuraa fi humna Eeliyaasiin fuula Gooftaa dura ni deema.”
18 Zakkaariyaasis, “Ani akkamittin kana beeka? Ani dulloomeera; umuriin niitii kootiis deemee jira” jedhee ergamaa sana gaafate.
19 Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Ani Gabriʼeel isa fuula Waaqaa dura dhaabatuu dha; anis sitti dubbachuu fi oduu gammachiisaa kana sitti himuuf ergameera. 20 Kunoo, ati sababii dubbii koo isa yeroo isaatti mirkanaaʼu hin amaniniif hamma gaafa wanni kun taʼuutti ni duudda; dubbachuus hin dandeessu.”
21 Uummannis yeroo sana sababii Zakkaariyaas yeroo akkas dheeratu mana qulqullummaa keessa tureef dinqifachaa isa eegaa ture. 22 Garuu Zakkaariyaas yommuu gad baʼetti waan isaanitti dubbachuu hin dandaʼiiniif isaan akka inni mana qulqullummaa keessatti mulʼata wayii arge hubatan; innis mallattoon isaanitti himaa ture malee dubbachuu hin dandeenye.
23 Innis yommuu yeroon tajaajila isaa raawwatetti gara mana isaatti deebiʼe. 24 Ergasii niitiin isaa Elsaabeex ulfooftee hamma jiʼa shaniitti manaa hin baane. 25 Isheenis, “Gooftaan salphina namoota gidduutti narra ture narraa kaasuuf jedhee guyyaa arjummaan na yaadatetti waan kana naa godhe” jette.
29 Maariyaam garuu dubbii ergamaa sanaatiin akka malee jeeqamtee, “Kun nagaa akkamiitii?” jettee yaadde. 30 Ergamichi garuu akkana isheedhaan jedhe; “Yaa Maariyaam, hin sodaatin; ati Waaqa biraa surraa argatteertaatii. 31 Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaafta. 32 Innis guddaa ni taʼa; Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Waaqni Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawit ni kennaaf; 33 inni mana Yaaqoob irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu.”
34 Maariyaamis, “Ani durba; yoos wanni kun akkamitti taʼuu dandaʼa ree?” jettee ergamaa sana gaafatte.
35 Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Waaqa Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Waaqaa ni jedhama. 36 Kunoo, firri kee Elsaabeexi iyyuu dulluma ishee keessa ilma ulfoofteerti; isheen dhabduu jedhamaa turte sun jiʼa jaʼaffaa qabatteerti. 37 Wanni Waaqaaf hin dandaʼamne hin jiruutii.”
38 Maariyaamis, “Kunoo, ani garbittii Gooftaa ti. Akkuma ati dubbatte naaf haa taʼu” jetteen. Ergamichis ishee dhiisee deeme.
waan guddaa naa godheeraatii;
56 Maariyaamis gara jiʼa sadii Elsaabeexi bira turtee gara mana ofii isheetti deebite.
59 Isaanis guyyaa saddeettaffaatti daaʼima sana dhagna qabuu dhufan; Zakkaariyaas jedhaniis maqaa abbaa isaatiin isa moggaasuu fedhan. 60 Haati isaa garuu, “Lakkii! Inni Yohannis jedhamee waamamuu qaba” jette.
61 Isaanis, “Firoota kee keessa namni maqaa akkanaa qabu tokko iyyuu hin jiru” jedhaniin.
62 Namoonni sunis akka Zakkaariyaas eenyu jedhee daaʼima sana waamuu barbaadu beekuuf jedhanii mallattoon isa gaafatan. 63 Innis gabatee irratti barreessu kadhatee, “Maqaan isaa Yohannis” jedhee barreesse; hundi isaaniis ni dinqifatan. 64 Yommusuma afaan isaa banamee arrabni isaa hiikame; innis Waaqa galateeffachuudhaan dubbachuu jalqabe. 65 Olloonni isaanii hundinuu sodaadhaan guutaman; wanni kunis baddaa biyya Yihuudaa hunda keessatti odeeffame. 66 Warri kana dhagaʼan hundinuus, “Yoos daaʼimni kun nama akkamii taʼinna laata?” jedhanii garaa isaaniitti dinqifatan. Harki Gooftaa isa wajjin tureetii.
80 Mucichis guddatee hafuuraan jabaachaa deeme; hamma guyyaa saba Israaʼelitti mulʼateettis gammoojjii keessa jiraate.
Luqaas 2 ->- a Yeroo itti aarsaan galgalaa dhiʼeeffamuu dha. Yeroon isaas guyyaa keessaa gara saʼaatii sagalii ti.
- b Kun dirqama addaa kan namni kakuu Naazirummaa of irraa qabu tokko guutuu qabuu dha.
- c Kaadhima qabaachuun akka bartee Yihuudootaatti akkuma nama wal fuudheetti cimaa dha. Intalli kaadhimamte tokko nama biraa wajjin ciisuun garuu akkuma ejjaatti ilaalama. Walii galtee kaadhimaa diiguunis niitii ofii yookaan dhirsa ofii hiikuu wajjin tokkuma.