1 Gosti Minaasees qooda argatte; inni ilma Yoosef hangafa tureetii. Maakiir ilmi Minaasee hangaftichi abbaan Giliʼaadotaa sun sababii loltuu jabaa taʼeef Giliʼaadii fi Baashaan isaaf kennaman. 2 Kanaafuu qoodni kun saba Minaasee warra hafaniif jechuunis balbala Abiiʼezer, Heleq, Asriiʼeel, Sheekem, Heeferii fi Shemiidaaf kenname. Kunneenis balbala balbala isaaniitiin ilmaan Minaasee ilma Yoosef kanneen biraa ti.
3 Zelofehaad ilmi Heefer, ilmi Giliʼaad, ilma Maakiir, ilmi Minaasee sun intallan malee ilmaan hin qabu ture. Maqaan intallan isaas Mahilaa, Nohii, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa. 4 Isaanis gara Eleʼaazaar lubichaa, gara Iyyaasuu ilma Nuunitii fi gara hooggantootaa dhaqanii “Waaqayyo akka inni obboloota keenya gidduutti dhaala nuu kennuuf Musee ajajeera” jedhan. Kanaafuu Iyyaasuun akkuma ajaja Waaqayyootti obboloota abbaa isaanii wajjin dhaala kenneef. 5 Minaaseen Giliʼaadii fi Baashaan keessaa gama baʼa Yordaanositti lafa iddoo kudhanitti hiramu qaba ture. 6 Kunis sababii intallan gosa Minaasee sun ilmaan dhiiraa gidduutti qooda argataniif. Lafti Giliʼaad ilmaan Minaasee kanneen hafaniif kennamte.
14 Namoonni Yoosefis Iyyaasuudhaan, “Ati maaliif ixaa tokkoo fi qooda tokko qofa dhaala nuu kennite? Nu saba akka malee baayʼee fi saba Waaqayyo guddisee eebbisee dha” jedhan.
15 Iyyaasuunis, “Yoo isin akka malee baayʼattanii biyyi gaaraa Efreem kun isinitti dhiphatte bosona seenaatii biyya Feerzotaatii fi Refaayimootaa keessatti iddoo jireenyaa qopheeffadhaa” jedhee deebiseef.
16 Namoonni Yoosefis, “Biyyi gaaraa kun nu hin gaʼu; Kanaʼaanonni lafa diriiraa irra jiraatan hundi, warri Beet Sheʼaanii fi qubatawwan ishee akkasumas warri Sulula Yizriʼeel keessa jiraatan hundi gaariiwwan sibiilaa qaban” jedhanii deebisan.
17 Iyyaasuun garuu mana Yoosefiin jechuunis Efreemii fi Minaaseedhaan akkana jedhe; “Isin saba akka malee baayʼee kan humna guddaa qabuu dha. Ixaa tokko qofa hin qabaattan. 18 Biyya gaaraa kan bosonaa garuu ni qabaattu; bosona ciraa; biyyattiinis hamma qarqara daangaa isheetti kanuma keessan taati; Kanaʼaanonni yoo gaariiwwan sibiilaa qabaatanii jajjaboo taʼanis isin ariitanii isaan baasuu dandeessu.”
<- Iyyaasuu 16Iyyaasuu 18 ->