15
Qooda Gosa Yihuudaa
15:15‑19 kwf – AbM 1:11‑15
1 Qoodni gosa Yihuudaatiif balbala balbalaan ramadame hamma daarii Edoomitti, qarqara kibbaatiin immoo hamma Gammoojjii Siinitti balʼata.
2 Daariin isaanii karaa kibbaa galoo galaanaa qarqara kibba Galaana soogiddaattii jalqabee 3 kibba Malkaa Aqrabiim qaxxaamuree gara Siin itti fufee hamma kibba Qaadesh Barneetti deema. Ergasiis Hezroon darbee Adaaritti ol baʼee gara Qarqaatti gora. 4 Ergasii immoo achii kaʼee karaa Azimooniin darbee hamma lafa goggogaa Gibxiitti dhufee galaana gaʼee dhaabata. Daariin isaanii kan gara kibbaa kanaa dha.
5 Daariin gara baʼaas Galaana Soogiddaa ture; innis hamma dhuma laga Yordaanositti deema.
Daariin gara kaabaa immoo galoo galaanaa kan qarqara Yordaanosii jalqabee 6 gara Beet Hoglaatti ol baʼee ergasii immoo karaa kaaba Beet Arabbaatiin gara Dhagaa Boohan ilma Ruubeenitti deema. 7 Daariin sunis ergasii Sulula Aakoor keessaa Debiiritti ol baʼee gara Gilgaal gama kibba laga sanaatiin fuullee Malkaa Adumiim sanaa kaabatti gora. Daariin kun ittuma fufee gara bishaanota Een Shemesh darbee Een Roogeelitti gad baʼa. 8 Ergasiis karaa kibba tabba magaalaa Yebuusotaatiin jechuunis Yerusaalemitiin baʼee Sulula Ben Hinoom irraan darba. Achiis baʼee qarqara kaaba Sulula Refaayimitti fiixee tulluu gama lixa Sulula Hinoom jirutti ol baʼe. 9 Daariin sun ammas fiixee gaaraa irraa kaʼee gara burqaa bishaanota Neftooʼaatti qajeelee magaalaawwan Tulluu Efrooniin baʼee gara Baʼaalaatti jechuunis Kiriyaati Yeʼaariimitti gad buʼe. 10 Ergasii Baʼaalaa irraa Tulluu Seeʼiiriitti gara lixaatti garagalee tabba kaaba Tulluu Yiʼaariim jechuunis Kesaaloon irra baʼee itti fufuudhaan Beet Shemeshitti gad buʼee Tiimnaahitti darba. 11 Gara kaaba tabba Eqroonitti darbee Shikeroonitti goree Tulluu Baʼaalaa irra qaxxaamuruudhaan hamma Yabniʼeelitti deema. Daariin sunis galaana gaʼee dhaabate.
12 Daariin gara lixaa immoo qarqara Galaana Guddaa ti.
Daariiwwan akkuma balbala gosa isaaniitti saba Yihuudaa marsanis kanneenii dha.
13 Iyyaasuun akkuma Waaqayyo isa ajajetti, qooda Yihuudaa irraa kutee Kebroon biyya Kiriyaati Arbaaq jedhamtu sana Kaaleb ilma Yefuneetiif kenne. Arbaaq kunis abbaa Anaaq. 14 Kaalebis ilmaan Anaaq sadan jechuunis Sheeshaayiin, Ahiimanii fi Talmaayi sanyii Anaaq ariʼee achii baase. 15 Achiis namoota biyya Debiir ishee dur Kiriyaati Seefer jedhamaa turte sana keessa jiraatanitti duule. 16 Kaalebis, “Ani nama Kiriyaati Seefer lolee qabatutti intala koo Aaksaa nan heerumsiisa” jedhe. 17 Obboleessi Kaaleb, Otniiʼeel ilmi Qenaz magaalattii qabate; Kaalebis intala isaa Aaksaa isatti heerumsiise.
18 Isheenis yeroo gara Otniiʼeel dhuftetti akka inni abbaa ishee lafa qotiisaa kadhatu isa kakaafte. Kaalebis yommuu isheen harree ishee irraa buutetti, “Ani maal siif godhu?” jedhee ishee gaafate.
19 Isheenis deebiftee, “Waan addaa tokko naa godhi. Akkuma Negeeb keessatti lafa naa kennite sana burqaawwan bishaaniis naa kenni” jetteen. Kaalebis burqaawwan oliitii fi gadii kenneef.
20 Dhaalli gosti Yihuudaa balbala balbalaan argate kunoo kana:
21 Negeeb keessaa magaalaawwan gosa Yihuudaa kanneen qarqara kibbaatti daarii Edoom irratti argaman kanneenii dha:
Qabziʼeel, Eederi, Yaaguur, 22 Qiinaa, Diimonaa, Adiʼaadaa, 23 Qaadesh, Haazoor, Yitinaan, 24 Ziif, Telem, Baʼaalooti, 25 Haazoor Hadaataa, Keriiyooti kan Hezroon jedhamtu sana, 26 Amaam, Shemaa, Molaadaa, 27 Hazar Gadaa, Heshmoon, Beet Phelexi, 28 Hazar Shuuʼaal, Bersheebaa, Biziyootiyaa, 29 Baʼaalaa, Iyyiim, Ezem, 30 Eltolaad, Kisiil, Hormaa, 31 Siiqlaag, Madmaanaa, Saansaanaa, 32 Lebaaʼoot, Shiiliihiim, Aayinii fi Rimoonii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii walumaa galatti digdamii sagal turan.
33 Karaa sulula lixa biiftuutiin immoo:
Eshitaaʼol, Zoraa, Ashinaa, 34 Zaanoʼaa, Een Ganiim, Tafuuʼaa, Eenaami, 35 Yarmuuti, Adulaam, Sookoo, Azeeqaa, 36 Shaʼarayiim, Aaditaayim, Gedeeraa fi Gedeerootaayimii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha afur turan.
37 Zenaan, Hadaashaa, Migdaal Gaad, 38 Diliʼaan, Miisphaa, Yoqtiʼeel, 39 Laakkiish, Boozqaati, Egloon, 40 Kaboon, Lahimaas, Kiitiliish, 41 Gedeerooti, Beet Daagon, Naʼamaa fi Maqeedaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha jaʼa turan.
42 Libnaa, Eteeri, Ashaan, 43 Yiftaa, Ashinaa, Neziibi, 44 Qeyiilaa, Akziibii fi Maareeshaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii sagal turan.
45 Eqroon, qubatawwanii fi gandoota naannoo ishee jiran wajjin, 46 akkasumas karaa lixa Eqrooniitiin qubatawwanii fi gandoota isaanii kanneen naannoo Ashdood jiran hunda, 47 Ashdood, magaalaa isheetii fi gandoota ishee, Gaazaa, magaalaa isheetii fi gandoota ishee kanneen hamma Laga Gibxii fi hamma qarqara Galaana Guddichaatti jiranii dha.
48 Biyya gaaraa keessatti immoo:
Shaamiir, Yatiir, Sookoo, 49 Danaa, Kiriyaati Sanaa jechuunis Debiir, 50 Aanaab, Eshitmoʼaa, Aaniim, 51 Gooshen, hooloonii fi Giiloo dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha tokko turan.
52 Araab, Duumaa, Eshiʼaan, 53 Yaanuum, Beet Tafuuʼaa, Afeeqaa, 54 Humtaa, Kebroon ishee Kiriyaati Arbaaq jedhamtuu fi Ziiʼoorii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii sagal turan.
55 Maaʼoon, Qarmeloos, Ziif, Yutaa, 56 Yizriʼeel, Yooqidiʼaam, Zaanoʼaa, 57 Qaayin, Gibeʼaa fi Tiimnaahii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudhan turan.
58 Halhuul, Beet Zuuri, Gedoor, 59 Maʼaaraati, Beet Anootii fi Elteqoonii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii jaʼa turan.
60 Kiriyaati Baʼaal kan Kiriyaati Yeʼaariim jedhamtuu fi Raabbaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni ishee lama turan.
61 Gammoojjii keessatti immoo:
Beet Arabbaa, Midiin, Sekaakaa, 62 Niibishaan, Magaalaa Soogiddaatii fi Een Gaadii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii jaʼa turan.
63 Sabni Yihuudaa garuu Yebuusota Yerusaalem keessa jiraachaa turan sana ariʼanii baasuu hin dandeenye; Yebuusonnis hamma harʼaatti saba Yihuudaa wajjin Yerusaalem keessa jiraatu.
<- Iyyaasuu 14Iyyaasuu 16 ->