10 “Egaa Waaqayyo akkuma waadaa gale sanatti, gaafa Museedhaan akkas jedhe kan yeroo Israaʼel gammoojjii keessa asii fi achi jooraa turee jalqabee waggaa afurtamii shan na jiraachiseera. Kanaafuu ani harʼa kunoo waggaa saddeettamii shan guuteera! 11 Ani harʼas akkuma gaafa Museen na erge sanaa jabaa dha; ani akkuman dur ture sana amma iyyuu duula dhaquuf jabaa dha. 12 Egaa amma biyya gaaraa kan Waaqayyo gaafa sana waadaa naa gale kana naa kenni. Ati mataan kee iyyuu akka Anaaqonni achi keessa jiraatan, akka magaalaawwan isaanii gurguddaa taʼanii fi dallaa jabaan marfaman gaafas dhageesseerta; yoo Waaqayyo na gargaare garuu ani akkuma Waaqayyo jedhe sanatti ariʼee isaan baasa.”
13 Iyyaasuunis Kaaleb ilma Yefunee eebbisee Kebroonin dhaala godhee kenneef. 14 Kanaafuu sababii inni garaa isaa guutuudhaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel duukaa buʼeef Kebroon hamma harʼaatti iyyuu dhaala Kaaleb ilma Yefunee namicha gosa Qeneez sanaa taatee hafte. 15 Kebroon duraan maqaa namicha Arbaaq jedhamu kan Anaaqota hunda keessaa nama guddaa ture tokkootiin Kiriyaati Arbaaq jedhamtee waamamaa turte.