4 “Yaa Xiiroosii fi Siidoonaa, isin kutaaleen Filisxeem hundinuu, amma maal narraa qabdu? Isin waan ani godheef haaloo na baafachaa jirtuu? Yoo isin haaloo na baafachaa jirtu taʼe ani dafee ariitiidhaan waan isin hojjettan sana matuma keessanittin deebisa. 5 Isin meetii fi warqee koo guurrattanii qabeenya koo filatamaas mana waaqeffannaa keessanitti geeffattaniirtuutii. 6 Isin biyya isaanii irraa isaan fageessitanii uummata Yihuudaatii fi Yerusaalem Giriikotatti gurgurattan.
7 “Kunoo, ani biyya isin itti isaan gurgurattan keessaa isaan baasee waan isin hojjettan sana matuma keessanitti nan deebisa. 8 Ani ilmaanii fi intallan keessan saba Yihuudaatti nan gurgura; isaan immoo saba fagoo jiru kan Saabaa jedhamutti dabarsanii isaan gurguratu.” Waaqayyo dubbateeraatii.
9 Waan kana saboota gidduutti labsaa:
Waraanaaf qophaaʼaa!
Gootota kakaasaa!
Loltoonni hundi dhiʼaatanii haa lolan.
10 Maarashaa keessan tumaatii goraadee godhadhaa;
haamtuu keessanis tumaatii eeboo godhadhaa.
Namni laafaan,
“Ani jabaa dha!” haa jedhu.
11 Isin saboonni qixa hundaan dafaa kottaattii
achitti walitti qabamaa.
Yaa Waaqayyo, loltoota kee gad ergi!
12 “Saboonni haa kaʼan;
isaan dafanii gara Sulula Yehooshaafaax haa dhufan;