Link to home pageLanguagesLink to all Bible versions on this site
25
Bildaad
1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:
2 “Mootummaa fi sodaatamuun kan Waaqaa ti;
inni samiiwwan ol fagoo keessatti nagaa buusa.
3 Loltoonni isaa lakkaaʼamuu dandaʼuu?
Ifni isaa eenyu irratti utuu hin baʼin hafa?
4 Yoos namni akkamitti fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa ree?
Namni dubartii irraa dhalate akkamitti qulqulluu taʼuu dandaʼa?
5 Yoo jiʼi illee fuula isaa duratti hin ifne,
yoo urjiiwwanis ija isaa duratti qulqulluu taʼuu baatan,
6 namni raammoo foonii taʼe,
ilmi namaa kan raammoo taʼe sun hammam kanaa gad haa taʼu ree!”

<- Iyyoob 24Iyyoob 26 ->