4 Innis Samaariyaa keessa darbuu qaba ture. 5 Kanaafuu gara magaalaa Samaariyaa kan Siikaar jedhamu tokkoo dhufe; magaalaan sunis lafa Yaaqoob ilma isaa Yoosefiif kenne sanatti dhiʼoo dha. 6 Boolli bishaanii kan Yaaqoob tokko achi ture; Yesuusis waan karaa deemuudhaan dadhabeef boolla bishaanii sana bira taaʼe. Yeroonis gara saʼaatii jaʼaa ture.
7 Dubartiin Samaariyaa tokkos bishaan waraabbachuu dhufte; Yesuusis, “Mee na obaasi” jedheen. 8 Barattoonni isaa nyaata bituuf gara magaalaa dhaqanii turaniitii.
9 Dubartiin Samaariyaa sunis Yesuusiin, “Ati utuu Yihuudii taatee jirtuu akkamitti ‘na obaasi’ jettee ana dubartii Samaariyaa kadhatta?” jetteen. Yihuudoonni warra Samaariyaa wajjin walitti dhufeenya hin qaban tureetii.
10 Yesuusis deebisee, “Kennaa Waaqaatii fi inni, ‘na obaasi’ siin jedhu kun eenyu akka taʼe utuu beektee silaa situ isa kadhata ture; innis bishaan jireenyaa siif kenna ture” jedheen.
11 Dubartittiinis akkana jetteen; “Yaa gooftaa, ati waan ittiin waraabbattu hin qabdu; boolli bishaanii kunis gad fagoo dha. Yoos bishaan jireenyaa eessaa argatta? 12 Ati abbaa keenya Yaaqoob isa boolla bishaanii kana nuu kenne caalta moo? Inni mataan isaa, ijoolleen isaatii fi horiin isaa boolla bishaanii kana keessaa dhugaa turan.”
13 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Namni bishaan kana dhugu hundinuu deebiʼee ni dheebota; 14 garuu namni bishaan ani isaaf kennu dhugu kam iyyuu gonkumaa hin dheebotu. Bishaan ani isaaf kennu isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu ni taʼa.”
15 Dubartittiinis, “Yaa Gooftaa, akka ani hin dheebonneef, bishaan waraabuufis akka ani as hin dhufneef bishaan sana naa kenni” jetteen.
16 Yesuus immoo, “Dhaqiitii dhirsa kee waamii kottu!” jedheen.
17 Dubartittiin, “Ani dhirsa hin qabu” jetteen.
19 Dubartittiinis akkana jette; “Yaa Gooftaa, akka ati raajii taate nan hubadha. 20 Abbootiin keenya tulluu kana irratti sagadaa turan; isin Yihuudoonni garuu iddoon namni itti waaqeffachuu qabu Yerusaalem jettu.”
21 Yesuusis akkana jedheen; “Dubartii nana, na amani; yeroon isin itti tulluu kana irrattis taʼu yookaan Yerusaalemitti Abbaa hin waaqeffanne tokko ni dhufa. 22 Isin waan hin beekne waaqeffattu; nu sababii fayyinni Yihuudoota keessaa dhufuuf kan beeknu waaqeffanna. 23 Warri dhugaan waaqeffatan yeroon isaan itti hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa waaqeffatan tokko ni dhufa; amma iyyuu dhufeera; Abbaan warra akkasitti isa waaqeffatan barbaada. 24 Waaqni hafuura; warri isa waaqeffatanis Hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu.”
25 Dubartittiinis, “Ani akka Masiihiin Kiristoos jedhamu dhufu nan beeka. Inni yommuu dhufutti waan hunda nutti hima” jetteen.
26 Yesuusis, “Ani, namni amma sitti dubbachaa jiru kun isuma” jedheen.
28 Dubartiin sunis okkotee ishee dhiiftee gara magaalaatti deebite; namootaanis akkana jette; 29 “Kottaatii nama waan ani hojjedhe hunda natti hime tokko ilaalaa! Tarii inni Kiristoos[a] taʼinnaa?” 30 Isaanis magaalaa keessaa baʼanii Yesuus bira dhufan.
31 Kana gidduutti barattoonni isaa, “Yaa barsiisaa, mee waa nyaadhu!” jedhanii isa kadhatan.
32 Inni garuu, “Ani nyaata isin hin beekne kanan nyaadhu qaba” jedheen.
33 Barattoonni isaas, “Namatu nyaata fideefii laata?” jedhanii wal gaafatan.
34 Yesuus immoo akkana jedheen; “Nyaanni koo fedhii isa na ergee guutuu fi hojii isaa raawwachuu dha. 35 Isin, ‘Jiʼa afurtu hafe; ergasii midhaan walitti qabama’ jettu mitii? Kunoo, ani isinittan hima; akka midhaan bilchaatee walitti qabamuu gaʼe mee ol jedhaatii lafa qotiisaa ilaalaa! 36 Inni midhaan haamu amma iyyuu mindaa ni argata; jireenya bara baraatiif ija walitti ni qaba; kunis akka inni facaasuu fi inni walitti qabu waliin gammadaniif. 37 Haala kanaan mammaaksi, ‘Inni tokko ni facaasa; kaan immoo ni haama’ jedhu sun dhugaa dha. 38 Ani akka isin waan itti hin dadhabin haammattaniifan isin erge. Warri kaan itti dadhabaniiru; isin garuu buʼaa dadhabbii isaanii galfattu.”
42 Isaanis dubartittiidhaan, “Siʼachi wanni nu amannuuf sababii dubbii ati nutti himte sanaatiif miti; nu mataan keenya iyyuu isa dhageenyeerraatii; akka inni dhugumaan Fayyisaa addunyaa taʼes beekneerra” jedhan.
46 Kanaafuu inni deebiʼee gara Qaanaa ishee Galiilaa keessaa iddoo itti bishaan gara daadhii wayiniitti geeddaree ture sanaa dhaqe. Qondaalli mootii kan ilmi isaa dhukkubsate tokkos Qifirnaahom keessa ture. 47 Namichi kunis yommuu akka Yesuus Yihuudaadhaa kaʼee Galiilaa dhufe dhagaʼetti isa bira dhaqee akka inni dhufee ilma isaa kan duʼuu gaʼe sana fayyisu isa kadhate.
48 Kana irratti Yesuus, “Isin yoo mallattoo fi dinqii argitan malee hin amantan!” isaan jedhe.
49 Qondaaltichis, “Yaa Gooftaa, maaloo utuu mucaan koo hin duʼin naa qaqqabi” jedheen.
50 Yesuusis, “Ilmi kee ni jiraataatii gali!” jedheen.
53 Abbaan mucichaas akka yeroon sun yeroo Yesuus itti, “Ilmi kee ni jiraata” jedheen taʼe hubate. Kanaafuu innis, warri mana isaa hundinuus ni amanan.
54 Kun mallattoo lammaffaa Yesuus erga Yihuudaadhaa Galiilaa dhufee hojjetee dha.
<- Yohannis 3Yohannis 5 ->- a yookaan Masiihichaa