5 “Ani muka wayinii ti; isini immoo dameewwan. Namni yoo na keessa jiraate, anis yoon isa keessa jiraadhe inni ija baayʼee naqata; isin narraa gargar baatanii homaa gochuu hin dandeessaniitii. 6 Namni na keessa hin jiraanne akka damee gad gatamee goguu ti. Dameewwan akkanaa walitti qabamanii ibiddatti naqamu; ni gubamus. 7 Isin yoo na keessa jiraattan, dubbiin koos yoo isin keessa jiraate, waanuma feetan kadhadhaa; innis isiniif ni kennama. 8 Isin yoo ija baayʼee naqattanii fi yoo barattoota koo taatan, kanaan Abbaan koo ulfina argata.
9 “Akkuma Abbaan na jaallatetti anis akkasuma isin jaalladheera. Egaa jaalala koo keessa jiraadhaa. 10 Akkuma ani ajajawwan Abbaa kootii eegee jaalala isaa keessa jiraadhu, isinis yoo ajajawwan koo eegdan jaalala koo keessa ni jiraattu. 11 Akka gammachuun koo isin keessa jiraatuu fi akka gammachuun keessanis guutuu taʼuuf ani waan kana isinitti himeera. 12 Ajajni koo isa kana: Akkuma ani isin jaalladhetti isinis wal jaalladhaa. 13 Eenyu iyyuu jaalala guddaa kan namni lubbuu isaa dabarsee michoota isaatiif kennu sana irra caalu hin qabu. 14 Waan ani isin ajaje yoo raawwattan isin michoota koo ti. 15 Garbichi waan gooftaan isaa hojjetu waan hin beekneef, ani siʼachi garboota isiniin hin jedhu. Qooda kanaa ani michoota isiniin jedheera; ani waanan Abbaa koo irraa dhagaʼe hundumaa isin beeksiseeraatii. 16 Isinis akka dhaqxanii ija naqattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf anatu isin filatee isin muude malee isin na hin filanne. Kunis akka Abbaan waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu isinii kennuuf. 17 Ajajni koo isa kana: Wal jaalladhaa.
26 “Jajjabeessaan ani Abbaa biraa isinii ergu, jechuunis Hafuurri Dhugaa inni Abbaa keessaa baʼu sun yommuu dhufutti waaʼee koo dhugaa baʼa. 27 Isinis jalqabaa kaaftanii waan na wajjin turtaniif dhugaa baatu.
<- Yohannis 14Yohannis 16 ->